Sagantaa Torban Fulbaana 8 Jalqabu
TORBAN FULBAANA 8 JALQABU
Faarfannaa 49 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 29 key. 1-7 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Lak. 22-25 (Daq. 10)
Lakk. 1: Lak. 22:36–23:10 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 15A Namoonni Gara Samii Dhaqan Warra Kami? (Daq. 5)
Lakk. 3: Jireenya Waaqayyoon Gammachiisu Jiraachuu Kan Dandeessu Akkamitti?—bh boq. 12 key. 17-22 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 15: Tajaajilarratti Amala Gaarii Argisiisaa. (2 Qor. 6:3) Gaaffiiwwan armaan gadii irratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu: (1) Tajaajila irratti amala gaarii argisiisuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (2) (a) Gareen wajjin tajaajillu naannoo tajaajilaa yommuu gaʼu (b) Magaalaa keessatti manaa gara manaa deemnee ennaa tajaajillu ykn konkolaataadhaan naannoo baadiyyaa deemnee manaa gara manaa ennaa tajaajillu (c) Balbala namootaarra ennaa dhaabannu (d) Obboleessi nuu wajjin tajaajilu ennaa dhugaa baʼu (e) Namni haasofsiisnu ennaa dubbatu (f) Ennaa namni haasofsiisnu hojiin itti baayʼatu ykn yeroo haalli qilleensaa gaarii hin taanetti (g) Namni haasofsiisnu amala hin taane ennaa argisiisu, amala gaarii argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
Daq. 15: “Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Deddeebii Gaaffiitiif Buʼuura Kaaʼuu.” Mareedhaan kan dhihaatu. Ofhaasii babalʼisaan tokko tajaajilaaf ennaa qophaaʼuu fi namni inni haasofsiisu barruu kan fudhatu taanaan, gaaffii yeroo deddeebii gaaffiitti irratti mariʼatan irratti ennaa yaadu argisiisu akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 38 Fi Kadhannaa