Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Deddeebii Gaaffiitiif Buʼuura Kaaʼuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Nama fedhii qabu tokko yommuu argannu, sanyii dhaabne bishaan obaasuu akka dandeenyuuf yeroo namni sun manatti argamutti deebinee isa gaafanna. (1 Qor. 3:6) Kun immoo yeroo baayʼee nama sana biraa deemuu keenya dura, yoom deebinee yoo dhaqne akka isaaf mijatu gaafachuudhaan deddeebii gaaffiidhaaf haala mijeessuu gaafata. Akkasumas, gaaffii yommuu deebinee deemnu irratti mariʼannu gaafachuun keenyas gaarii dha. Kun immoo namni haasofsiisne sun yeroo deebinee isa itti gaafannu hawwiidhaan akka eeggatu kan godhu taʼuu isaa irrayyuu, gaaffiin kaasne barreeffama kennineef sanarra yoo jiraate immoo, dubbisuuf akka kakaʼu godha. Akkasumas, haala kanaan deddeebii gaaffiitiif buʼuura kaaʼuun, deebinee deemuun akka nuuf salphatu godha. Sababiin isaas, mataduree irratti mariʼannu waan filanneef, wanti itti aansuudhaan goonu nama haasofsiisnu sanatti haaraa waan hin taaneefi dha. Kanaafuu, yommuu deebinee deemnu, kan dhaqne gaaffii jalqaba kaasnee turre irratti mariʼachuuf akka taʼe itti himuudhaan maree keenya itti fufuu dandeenya.
Kana Gochuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
• Akkaataa dhiheenyaa manaa gara manaatti lallabuuf gargaaru yommuu qophooftan, gaaffii yommuu deebitanii deemtan irratti mariʼattanis qophaaʼa. Gaaffichi barreeffama guyyaa sana raabsitan irratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa; ykn gaaffii barreeffamoota qayyabsiisuuf itti fayyadamnu irratti deebiin isaa ibsamee jiruu fi yeroo deebitanii deemtan irratti mariʼachuu dandeessan taʼuu dandaʼa.
• Maree nama fedhii qabu tokkoo wajjin gootan yommuu xumurtan, deebitanii isaa wajjin mariʼachuuf akka hawwitan erga itti himtanii booda, gaaffii yommuu deebitanii deemtan irratti mariʼattan isaaf kaasaa. Naannoowwan tokko tokko keessatti, namoonni hojiin waan itti baayʼatuuf beellama isinii kennuuf fedhii qabaachuu dhiisuu dandaʼu. Haala akkasii keessatti, akkas isaaniin jechuu dandeessu: “Yeroo hunda saʼaatii akkasiitti manatti argamtuu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Torban dhufu, daqiiqaa muraasaaf wal arginee gaaffii kana irratti utuu mariʼannee natti tola . . . Guyyaan sun isiniif hin mijatu taanaan natti himuu dandeessu.”
• Nama haasofsiistan tokko deddeebii gaaffiitiif beellamtaniittu yoo taʼe, beellama keessan kabajuudhaan deebiʼaa dhaqaa. (Mat. 5:37) Deebitanii deemuudhaan erga mariʼattanii booda, ammas gaaffii yeroo itti aanutti irratti mariʼattan kaasaa.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
• Akkaataa dhiheenyaa yommuu qophooftan, gaaffii yommuu deebitanii deemtan irratti mariʼattanis qopheessaa. Gaaffii qopheessitan sanas babalʼisaa tajaajila wajjin baatanitti himaa.