Lakkoofsa
22 Sana booda Israaʼelonni achii deemanii gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos biratti argamu keessa buufatan.+ 2 Baalaaq+ ilmi Ziphoor wanta Israaʼel Amoorota irratti raawwate hundumaa ni arge; 3 isaan baayʼee hedduu waan turaniif Moʼaab saba sanaan kan kaʼe akka malee ni sodaate; dhuguma iyyuu, Moʼaab Israaʼelotaan kan kaʼe sodaadhaan ni romʼe.+ 4 Kanaafuu, Moʼaab jaarsolii Miidiyaaniin,+ “Akkuma qotiyyoon tokko marga dirree keessaa nyaatee fixutti, gumiin kunis wantoota naannoo keenyatti argaman hundumaa nyaatee ni fixa” jedhe.
Yeroo sanatti Baalaaq ilmi Ziphoor mootii Moʼaab ture. 5 Innis gara Balaʼaam ilma Beʼor isa Phetoor+ ishii biyya dhalootaa isaa keessa Lagicha* biratti argamtu sana keessa jiraatutti ergamtoota ni erge. Akkana jedhees isatti ni dhaame: “Kunoo, sabni tokko biyya Gibxii keessaa baʼee dhufeera. Fuula* lafaas uwwiseera;+ asuma na fuuldura jiraachaa jira. 6 Sabichi ana caalaa cimaa waan taʼeef, maaloo, kottuutii saba kana naaf abaari.+ Inni ati eebbiste kan eebbifame, inni ati abaarte immoo kan abaarame akka taʼu akka gaariitti waanan beekuuf, tarii sabicha moʼuu fi biyyattii keessaa ariʼuu nan dandaʼa taʼa.”
7 Kanaafuu, jaarsoliin Moʼaabii fi jaarsoliin Miidiyaan gatii hoodaa harkatti qabatanii gara Balaʼaam+ deemanii dhaamsa Baalaaq isatti himan. 8 Yeroo kanatti inni, “Halkan kana asuma bulaa; dubbii Yihowaan natti himu kam iyyuu deebisee isin nan beeksisa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, bulchitoonni Moʼaab Balaʼaam bira ni turan.
9 Achiis Waaqayyo gara Balaʼaam dhufee, “Namoonni sii wajjin jiran kun eenyu?” isaan jedhe.+ 10 Balaʼaamis Waaqa dhugaatiin akkana jedhe: “Baalaaq ilmi Ziphoor mootiin Moʼaab akkana jedhee dhaamsa natti erge: 11 ‘Kunoo, sabni biyya Gibxii keessaa baʼee dhufe sun fuula* lafaa uwwiseera. Amma, kottuutii isaaniin naaf abaari.+ Tarii isaaniin lolee ariʼuu nan dandaʼa taʼa.’” 12 Waaqayyo garuu Balaʼaamiin, “Isaanii wajjin hin deemin. Isaan kan eebbifaman waan taʼaniif sabicha hin abaarin”+ jedhe.
13 Balaʼaamis ganamaan kaʼee bulchitoota Baalaaq erge sanaan, “Yihowaan isinii wajjin akkan dhaqu naaf heyyamuu waan dideef, gara biyya keessaniitti deebiʼaa” jedhe. 14 Kanaafuu, bulchitoonni Moʼaab achii deemanii gara Baalaaqitti deebiʼuudhaan, “Balaʼaam nuu wajjin dhufuu dideera” isaan jedhan.
15 Haa taʼu malee, Baalaaq ammas bulchitoota garee warra duraa caalaa hedduu fi kabajamoo taʼan ni erge. 16 Isaanis gara Balaʼaam dhufanii akkana isaan jedhan: “Baalaaq ilmi Ziphoor akkana jedheera: ‘Maaloo, homtuu gara koo dhufuu akka si dhowwu hin heyyamin; 17 ani ulfina guddaa siifan kenna; wanta akkan godhu na gaafattu kam iyyuu nan godha. Kanaafuu, maaloo, kottuutii saba kana naaf abaari.’” 18 Balaʼaam garuu tajaajiltoota Baalaaqiif akkana jedhee deebise: “Baalaaq utuu mana isaa isa meetii fi warqiidhaan guutame naaf kennee illee, ani wanta xinnaas taʼe wanta guddaa, wanta ajaja Waaqa koo Yihowaatiin ala taʼe akkamii iyyuu gochuu hin dandaʼu.+ 19 Garuu, wanti Yihowaan natti himu kan biraan yoo jiraate akkan beekuuf, maaloo halkan harʼaas asuma bulaa.”+
20 Achiis Waaqayyo halkan keessa gara Balaʼaam dhufee, “Namoonni kun si waamuuf dhufan yoo taʼe, isaanii wajjin deemi. Haa taʼu malee, wanta ani akka dubbattu sitti himu qofa dubbadhu” isaan jedhe.+ 21 Kanaafuu, Balaʼaam ganamaan kaʼee harree isaa feʼatee bulchitoota Moʼaabii wajjin deeme.+
22 Haa taʼu malee, inni deemuu isaatiin kan kaʼe dheekkamsi Waaqayyoo ni bobaʼe; maleekaan Yihowaas akka hin deemne isa dhowwuuf karaa irra ni dhaabbate. Yeroo kanatti Balaʼaam harree isaa irra taaʼee deemaa ture; tajaajiltoota isaa keessaas namoonni lama isaa wajjin turan. 23 Harreen sun maleekaan Yihowaa goraadee luqqifame harka isaatti qabatee daandii irra dhaabbachuu isaa yommuu argitu, karaa irraa gara maasiitti goruuf yaalte. Balaʼaam garuu harree sana gara karichaatti deebisuuf ishii rukutuu jalqabe. 24 Achiis maleekaan Yihowaa daandii dhiphoo maasii wayinii lama gidduu jiruu fi gara lamaaniinuu dallaa dhagaa qabu tokko irra dhaabbate. 25 Harreen sunis maleekaa Yihowaa yommuu argitu dallichatti of riguudhaan luka Balaʼaam dallichatti maxxansite; Balaʼaam ammas ishii rukutuu jalqabe.
26 Maleekaan Yihowaa ammas bira darbee, iddoo dhiphoo gara mirgaas taʼe gara bitaatti garagaluun itti hin dandaʼamne tokko irra dhaabbate. 27 Harreen sun yommuu maleekaa Yihowaa argitu, utuma Balaʼaam irra taaʼee jiruu ni ciiste; Balaʼaamis baayʼee aaree ulee isaatiin ishii rukutuu jalqabe. 28 Dhuma irrattis Yihowaan harreen sun akka dubbattu ni godhe;*+ ishiinis Balaʼaamiin, “Akkanatti siʼa sadii kan na rukuttu ani maalan si godhe?”+ jette. 29 Balaʼaamis, “Waan natti taphatteefi. Utuu goraadeen na harka jiraatee silaa sin ajjeesan ture!” jedhee harree sanaaf deebise. 30 Achiis harreen sun Balaʼaamiin, “Ani harree kee ishii ati jireenya kee guutuu hamma harʼaatti irra teessee deemaa turte mitii? Ani kanaan dura akkana si rakkisee beekaa?” jette. Innis, “Lakki!” jedhee deebise. 31 Achiis Yihowaan ija Balaʼaam ni bane;+ innis maleekaan Yihowaa goraadee luqqifame harka isaatti qabatee karaa irra dhaabbachuu isaa ni arge. Achiis yeruma sana adda isaatiin gombifamee sagade.
32 Yeroo kanatti maleekaan Yihowaa akkana isaan jedhe: “Harree kee akkanatti siʼa sadii kan rukutte maaliifi? Karaan kee fedhii kootiin kan mormu waan taʼeef, kunoo, anumti si dhowwuuf dhufeera.+ 33 Harreen tun na argitee siʼa sadii na irraa goruuf ni yaalte.+ Utuu ishiin na irraa goruu baattee, silaa amma ani si ajjeesee ishii immoo lubbuudhaan nan dhiisan ture.” 34 Balaʼaamis maleekaa Yihowaatiin, “Na argachuuf daandii irra dhaabbachaa kan ture si taʼuu kee hin beekne; kanaafuu, ani cubbuu hojjedheera. Ammas kun gaarii fakkaatee yoo sitti mulʼachuu baate nan deebiʼa” jedhe. 35 Maleekaan Yihowaa garuu Balaʼaamiin, “Namoota sanaa wajjin deemi; haa taʼu malee, wanta ani sitti himu qofa dubbadhu” jedhe. Kanaafuu, Balaʼaam bulchitoota Baalaaq erge sanaa wajjin ni deeme.
36 Baalaaqis Balaʼaam dhufuu isaa yommuu dhagaʼu, magaalaa Moʼaab ishii daangaa naannoo sanaatti, jechuunis qarqara Arnoonitti argamtutti isa argachuuf yeruma sana ni baʼe. 37 Baalaaqis Balaʼaamiin, “Ani akka dhuftu dhaamsa sitti ergee hin turree? Gara koo dhufuu kan dhiiste maaliifi? Ani ulfina guddaa siif kennuu akkan hin dandeenye sitti dhagaʼamee?”+ jedhe. 38 Balaʼaamis, “Kunoo amma dhufeera. Garuu wanta akkamii iyyuu dubbachuun kan naaf heyyamamu sitti fakkaataa? Wanta Waaqayyo afaan koo keessa kaaʼe qofan dubbachuu dandaʼa” jedhee Baalaaqiif deebise.+
39 Akka kanaan, Balaʼaam Baalaaqii wajjin ni deeme; isaanis gara Qiriyaat Huzoot ni dhufan. 40 Achiis Baalaaq loonii fi hoolota aarsaa godhee muraasa isaa Balaʼaamii fi bulchitoota isaa wajjin turaniif ni erge. 41 Ganamas Baalaaq Balaʼaamiin fuudhee Baamot Baʼaalitti ol isa baase; innis achi dhaabbatee guutummaa sabichaa arguu ni dandaʼa ture.+