LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 12:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yihowaanis Abraamiin akkana jedhe: “Biyya kee, firoottan kee fi mana abbaa kee dhiisiitii gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.+ 2 Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisa; maqaa kee guddaa nan godha; atis warra kaaniif eebba ni taata.+ 3 Warra si eebbisan nan eebbisa; isa si abaaru immoo nan abaara;+ maatiiwwan lafa irraa hundis dhugumaan karaa kee ni eebbifamu.”*+

  • Uumama 22:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Ammas maleekaan Yihowaa yeroo lammataatiif samii keessaa Abrahaamiin waamee,

  • Uumama 22:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 ani dhugumaan sin eebbisa; dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii fi akka cirracha qarqara galaanaatti nan baayʼisa;+ sanyiin kees karra* diinota isaa ni dhaala.+

  • Keessa Deebii 33:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Yaa Israaʼel, ati gammadaa dha!+

      Sabni akka kee+

      Yihowaa biraa fayyina argate eenyu?+

      Inni gaachana+ eegumsaa kee,

      Goraadee kee isa ulfina qabeessa taʼe dha.

      Diinonni kee si duratti ni hollatu,+

      Atis dugda* isaanii irra ni ejjetta.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi