LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 22:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Innis gara Balaʼaam ilma Beʼor isa Phetoor+ ishii biyya dhalootaa isaa keessa Lagicha* biratti argamtu sana keessa jiraatutti ergamtoota ni erge. Akkana jedhees isatti ni dhaame: “Kunoo, sabni tokko biyya Gibxii keessaa baʼee dhufeera. Fuula* lafaas uwwiseera;+ asuma na fuuldura jiraachaa jira. 6 Sabichi ana caalaa cimaa waan taʼeef, maaloo, kottuutii saba kana naaf abaari.+ Inni ati eebbiste kan eebbifame, inni ati abaarte immoo kan abaarame akka taʼu akka gaariitti waanan beekuuf, tarii sabicha moʼuu fi biyyattii keessaa ariʼuu nan dandaʼa taʼa.”

  • Lakkoofsa 23:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Achiis jechama kana dubbate:+

      “Baalaaq mootiin Moʼaab Aaraam irraa,+

      Gaarota bahaa biraa na fidee akkana naan jedhe:

      ‘Kottuutii Yaaqoobiin naaf abaari.

      Eeyyee, kottuutii Israaʼeliin naaf balaaleffadhu.’+

  • Lakkoofsa 23:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Achiis Baalaaq Balaʼaamiin, “Wanti ati na irratti raawwatte kun maali dha? Ani diinota koo akka abaartun si fide; ati garuu isaan eebbiste malee wanta goote hin qabdu”+ jedhe.

  • Lakkoofsa 24:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Yeroo kanatti Baalaaq akka malee Balaʼaamitti ni aare. Baalaaqis tuffiidhaan harka isaa walitti rukutee Balaʼaamiin akkana jedhe: “Ani kanan si waame diinota koo akka abaartuuf ture;+ ati garuu kunoo siʼa sadan kana isaan eebbiste malee wanta goote hin qabdu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi