LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/14 ful. 2
  • Fakkeenya Raajotaa Hordofaa—Naahom

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fakkeenya Raajotaa Hordofaa—Naahom
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qabiyyee Naahom
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Kana Beektaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Tajaajila Mootummaa—2014
km 9/14 ful. 2

Fakkeenya Raajotaa Hordofaa—Naahom

1. Kitaaba Naahom irraa barumsa akkamii arganna?

1 Akkuma Naahom raajii dubbatetti badiisni Nanawwee irra gaʼee ture, Yihowaan diinota isaa ijaa akka baʼuu fi namoonni isa morman isa dura dhaabachuu akka hin dandeenye kan argisiisu dha. (Naho. 1:2, 6) Raajii Naahom dubbate qoruun keenya, barumsa tajaajila keenya irratti nu fayyadu argachuuf nu gargaara.

2. Ergaan lallabnu ergaa nama gammachiisu kan qabate akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Jajjabinaa Fi Abdii Namaaf Kennuu: Kitaaba Naahom irra keessasaa qofa yoo ilaalle, firdii Nanawwee ishee magaalaa guddoo Asor durii taate irratti darbe qofa kan ibsu taʼee argina. (Naho. 1:1; 3:7) Haa taʼu malee, firdiin isaan irratti darbe kun saba Yihowaatiif oduu gammachiisaa qabateera. Naahom inni maqaan isaa hiika, “Kan Jajjabeessu” jedhu qabu, diinonni isaanii dhiheenyatti akka badan Yihudoota sabasaa taʼanitti himee ture! Akkasumas Naahom, Yihowaan ‘yeroo rakkinaatti iddoo baqaa’ akka taʼe isaaniif mirkaneesseera. (Naho. 1:7) Nutis yommuu lallabnu, misiraachoo namootatti himna, akkasumas gara Yihowaatti akka baqatan isaanitti himuudhaan isaan jajjabeessina.—Naho. 1:15.

3. Fakkeenyatti fayyadamuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya Naahom hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Fakkeenyotatti Fayyadamaa: Yihowaan, Naahom badiisa Nanawwee irra gaʼuuf jedhu badiisa magaalaa warra Gibxii durii, jechuunis magaalaa Tebes ishee Mootii Asoriin balleeffamte irra gaʼee wajjin walbira qabee akka ibsu godheera. (Naho. 3:8-10) Sirni hamaan kun akka badu namootatti yommuu himnu, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti dubbatamanii fi Yihowaan wanta dubbate tokko illee utuu hin hambisin akka raawwatu argisiisan caqasuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, Dh.K.D. bara 632⁠tti, yommuu warri Baabilonii fi warri Medoon magaalaa Nanawwee qabachuuf dhufanitti, bokkaa cimaan roobee ture, Lagni Xegros guutuudhaan gartokkeen dallaa magaalattii akka jigu godheera. Haala kanaan Nanawween akkuma Yihowaan dursee dubbatetti salphaatti toʼannaa jala ooluu dandeesseetti.—Naho. 1:8; 2:6.

4. Tajaajila irratti haala ifa taʼee fi salphaatti hubatamuu dandaʼuun dubbachuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Haala Ifa Taʼee Fi Salphaatti Hubatamuu Dandaʼuun Dubbadhaa: Akkaataan Naahom itti barreesse ifaa fi dubbisuuf kan namatti tolu dha. Qabxiileen inni caqase salphaatti kan hubatamani dha. (Naho. 1:14; 3:1) Haaluma wal fakkaatuun, nutis jecha salphaatti hubachuun dandaʼamutti fayyadamuu barbaanna. (1 Qor. 14:9) Yommuu jalqaba namoota haasofsiistan, sababa itti isaan haasofsiistan sirriitti ibsaa. Macaafa Qulqulluu yommuu namoota qayyabsiistan, Yihowaa fi Macaafa Qulqulluutti akka amanamanii fi yaadawwan achi irratti argaman dhuunfaatti kan isaan fayyadan akkamitti akka taʼe akka hubatan isaan gargaaraa.—Rom. 10:14.

5. Raajii Naahom irraa jajjabina akkamii arganna?

5 Naahom wanti Yihowaan dubbate utuu hin raawwatamin akka hin hafne guutummaatti kan amanu taʼuusaa macaafa maqaasaatiin moggaafame irratti ibseera. Yeroo badiisni sirna Seexanaa dhihaatee jiru kanatti, labsii “Egaa rakkinni deebiʼee hin argamu” jedhurraa jajjabina guddaa arganna—Naho. 1:9.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi