BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BA’UU 6-7
‘Waanan Faraʼoon Irratti Hojjedhu Arguuf Jirta’
Yihowaan, Gibxii irratti dhaʼicha fiduu fi Israaʼeloota garbummaa jalaa bilisa baasuu isaa dura, wanta gochuuf jedhu Israaʼelootatti himee ture. Karaa kanaan dura arganii hin beekneen humna Yihowaa arguuf jedhu; akkasumas warri Gibxii Yihowaan eenyu akka taʼe dhugumaan beekuuf jedhu. Yommuu waadaan Yihowaan gale raawwatametti amantiin Israaʼelootaa cimeera; kun immoo dhiibbaa waaqeffannaa sobaa Gibxii keessatti isaan mudachaa ture of irraa ittisuuf isaan gargaareera.
Seenaan Kitaaba Qulqulluu kun amantii waadaa Waaqayyo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee gale irratti qabdu kan siif cimse akkamitti?