LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Bitootessa ful. 5
  • Ayyaana Yaadannootiif Qophaaʼaa Jirtuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ayyaana Yaadannootiif Qophaaʼaa Jirtuu?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Eenyuufaa Affeeruun Qaba?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Yihowaan Carraaqqii Ayyaana Yaadannoo Kabajuuf Goonu Nuuf Eebbisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • “Kanas Seenaa Kootiif Godhadhaa!” Ayyaanni Yaadannoo Du’a Yesus Ebla 2 Kabajama
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • “Kanas Seenaa Kootiif Godhadhaa!” Ayyaana Yaadannoo Ebla 5 Kabajamu
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Bitootessa ful. 5
Pheexirosii fi Yohaannis maxinoo fi kubbaayyaa minjaala irra kaaʼaa jiru.

Pheexirosii fi Yohaannis Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 33tti kabajamuuf kutaa fooqii irra jiru tokko qopheessaa jiru

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Ayyaana Yaadannootiif Qophaaʼaa Jirtuu?

Ayyaanni Faasikaa Yesuus yeroo dhumaatiif kabaje iddoo guddaa kan qabu ture. Yeroon itti duʼu baayʼee waan dhihaateef, Ayyaana Faasikaa ergamoota isaa wajjin nyaachuuf, akkasumas ayyaana haaraa, jechuunis Irbaata Gooftaa hundeessuuf karoorfatee ture. Kanaafuu, Pheexirosii fi Yohaannis kutaa tokko akka qopheessan isaan erge. (Luq 22:7-13; fakkii qola isaa irra jiru ilaali.) Kunis Ayyaana Yaadannoo Bitootessa 27⁠tti kabajnuuf qophaaʼuun akka nu barbaachisu nu yaadachiisa. Gumiiwwan obboleessa haasaa dhiheessu, maxinoo fi wayinii fi wantoota kana fakkaatan wajjin haala wal qabateen qophii godhu. Haa taʼu malee, nuti dhuunfaatti Ayyaana Yaadannootiif qophaaʼuuf maal gochuu dandeenya?

Garaa keessan qopheeffadhaa. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo dubbisaatii irratti xiinxalaa. Sagantaa isaa buukleetii Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamu irraa argachuu dandeessu. Kutaan Dabalataa B12 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa sagantaa kana ibsa dabalataa wajjin qabateera. (Akkasumas Barreeffama Qorannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Ebla 2020 ilaali.) Warri maatii qaban waaqeffannaa maatii isaanii irratti barbaachisummaa furichaa qoʼachuuf Watch Tower Publications Index ykn Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼetti fayyadamuu dandaʼu.

Maatiin tokko yeroo waaqeffannaa maatii isaaniitti waaʼee Ayyaana Yaadannoo mariʼachaa jiru.

Namoonni kaan akka irratti argaman affeeraa. Duula affeerrii irratti akka gaariitti hirmaadhaa. Eenyuunfaa affeeruu akka dandeessan yaadaa; fakkeenyaaf, deddeebii gaaffii, namoota kanaan dura qoʼachaa turan, namoota beektanii fi firoota keessan affeeruu dandeessu. Jaarsoliin namoota karaa hafuuraa laafan affeeruu qabu. Namni tokko kan jiraatu naannoo keessan miti taanaan saʼaatii fi iddoo Ayyaanni Yaadannoo naannoo isaatti itti kabajamu beekuu akka dandeessan yaadadhaa; kana argachuuf gubbaa fuula jalqabaa jw.org irraa WAAʼEE KEENYA isa jedhu cuqaasaatii, “Ayyaana Yaadannoo” isa jedhu filadhaa.

Jaarsoliin lama obboleessa karaa hafuuraa laafe tokko daawwachaa fi Ayyaana Yaadannoo irratti akka argamu affeeraa jiru.

Ayyaanichaaf qophaaʼuuf wanta kan biraa akkamii gochuu dandeenya?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi