LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Fulbaana ful. 5
  • Gaaʼela—Hariiroo Jireenya Guutuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaʼela—Hariiroo Jireenya Guutuu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaabni Qulqulluun Qeenxee Taʼuu fi Gaaʼela Ilaalchisee Maal Barsiisa?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Gaa’elli Kennaa Waaqa Jaalala Qabeessarraa Kennamedha
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Gaa’ela Gaarii Qabaachuuf Qophaa’uu
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Gaaʼelli Kennaa Waaqayyo Biraa Argame Dha
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Fulbaana ful. 5
Hiriyoota gaaʼelaa waliin tajaajilaa jiran.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Gaaʼela—Hariiroo Jireenya Guutuu

Gaaʼelli Kiristiyaanotaa milkaaʼina qabu Yihowaadhaaf ulfina argamsiisa, hiriyoota gaaʼelaa sanaafis gammachuu fida. (Mar 10:9) Gaaʼela jireenya guutuu turuu fi gammachiisaa taʼe qabaachuuf, Kiristiyaanonni hiriyaa gaaʼelaa yommuu filatanitti qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti hordofuu qabu.

Gaaʼelaaf nama tokko qorachuu kan qabdu ‘umurii dargaggummaa erga darbitee’ booda, jechuunis yommuu fedhii saalqunnamtii cimaan murtoo kee irratti dhiibbaa hin goonetti taʼuu qaba. (1Qo 7:36) Yeroo qeenxee taʼuudhaan dabarsitu hariiroo Waaqa wajjin qabdu cimsachuu fi amalawwan gaggaarii horachuuf akka gaariitti itti fayyadami. Akkas gochuun kee yeroo gaaʼela dhaabbattutti gaaʼela milkaaʼina qabu qabaachuuf si gargaara.

Gaaʼela dhaabbachuuf walii galuu kee dura, yeroo gaʼaa ramadiitii ‘keessa namummaa isa dhokataa’ nama sanaa beekuuf carraaqqii godhi. (1Ph 3:4) Wanti baayʼee si shakkisiisu yoo jiraate, nama hiriyaa gaaʼelaa kee taʼuu dandaʼu sanaa wajjin irratti mariʼadhu. Gaaʼela keessatti wanta argannu caalaa wanta kenninu irratti xiyyeeffachuu qabna. (Flp 2:3, 4) Gaaʼela dhaabbachuu kee dura qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojii irra kan oolchitu yoo taʼe, gaaʼela erga dhaabbattee boodas gaaʼela gammachuu qabu qabaachuuf qajeelfamoota kana hojii irra oolchuu kee itti fufuun sitti hin ulfaatu.

VIIDIYOO GAAʼELA DHAABBACHUUF QOPHAAʼUU—KUTAA 3: ‘BAASII KEE SHALLAGI’ JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Hariiroon obboleettiin tun Sheenii wajjin qabdu cimaa kan dhufe akkamitti?

  • Yommuu caalaatti isa beekaa deemtutti amala isaa ilaalchisee maal hubatte?

  • Warri ishii kan ishii gargaaran akkamitti? Ishiin hoo murtoo gaarii akkamii goote?

Obboleessi obboleettii takkaa wajjin wal qorachaa jiru gaaffilee kana irratti yaaduu dandaʼa:

Amaloota gaarii akkamii qabdi? Mootummaa Waaqayyootiif dursa akka kennitu argisiisaa kan jirtu akkamitti? Qajeelfama tiʼookraasiidhaaf kabaja akka qabdu ni argisiistii? Namoota kaaniif akka yaaddu hoo ni argisiistii?

Obboleettiin obboleessa tokkoo wajjin wal qorachaa jirtu gaaffilee kana irratti yaaduu dandeessi:

Amaloota gaarii akkamii qaba? Hojii, qarshii, ispoortii fi bashannana caalaa waaqeffannaa fi itti gaafatamummaa gumii keessatti qabuuf iddoo guddaa kennaa? Maatii isaa kan qabu akkamitti? Namoota kaaniif akka yaadu hoo ni argisiisaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi