LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 3 ful. 4-5
  • Egeree Kee kan Murteessu Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Egeree Kee kan Murteessu Maali Dha?
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • NAMOONNI BAAYʼEEN MAALITTI AMANU?
  • BUʼAAN ISAANII MAALI DHA?
  • Namni Hundi Egeree Amansiisaa Qabaachuu Barbaada
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Nama Gaarii Taʼuun Kee Egeree Amansiisaa Siif Argamsiisuu ni Dandaʼaa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Barumsii fi Maallaqni Egeree Amansiisaa ni Argamsiisuu?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 3 ful. 4-5
Fakkiiwwan garaa garaa: 1. Raagduun takka maamila ishiitiif kaardii hire dubbisaa jirti. 2. Koompaasiin feengi shuyii jedhamuu fi pilaanii lafa manaa. 3. Dubartiin takka nama duʼeef nyaata, abaaboo fi ixaana dhiheessaa jirti.

Egeree Kee kan Murteessu Maali Dha?

Namoonni baayʼeen humnoonni ijaan hin mulʼanne jireenya isaanii akka toʼatan amanu. Wantoota kanatti waan amananiif gochawwan egeree isaanii akka isaaniif milkeessan yaadan irratti hirmaatu.

NAMOONNI BAAYʼEEN MAALITTI AMANU?

URJII LAKKAAʼUU: Namoonni baayʼeen egereen isaanii bakka urjiileen guyyaa itti dhalatanitti argaman irratti akka hundaaʼu amanu. Kanaafuu, wanta gara fuulduraatti isaan mudatuu fi wanta hamaa isaan irra gaʼu hambisuuf ykn milkaaʼina argachuuf namoota urjii lakkaaʼan gorsa gaafatu.

WARRA FALFALA RAAWWATAN BIRA DHAQUU: Warri kaan immoo namoota falfala raawwatan bira deemuun milkaaʼina akka isaaniif argamsiisu amanu. Kana gochuudhaan wanti hundi akka isaaniif milkaaʼu yaadu. Kana malees, wanta namoonni falfala raawwatan sun isaaniin jedhan raawwatu.

NAMOOTA DUʼAN WAAQEFFACHUU: Namoonni kaan immoo eegumsaa fi eebba argachuuf namoota duʼan waaqeffachuu akka qaban amanu. Vaana ishiin Veetnaam jiraattu, “Anis taʼe ijoolleen koo amma jireenya gaarii akka jiraannuuf, akkasumas egeree amansiisaa akka qabaannuuf, namoota duʼaniif ulfina kennuu akkan qabun amana ture” jetteetti.

DEEBIʼANII DHALACHUU: Namoonni baayʼeen namni tokko erga duʼee booda irra deddeebiʼee akka dhalatu amanu. Wanti gaariinis taʼe gadheen jireenya isaanii isa ammaa keessatti isaan mudatu buʼaa jireenya isaanii isa kanaan duraa akka taʼe amanu.

Namoonni hedduun amantiin akkasii soba akka taʼe kan amanan taʼus, gochawwan kan akka barruu harkaa ilaaluu, moora ilaaluu fi urjii lakkaaʼuu jiran irratti ni hirmaatu. Gochawwan kun egeree isaanii beekuuf akka isaan gargaaran isaanitti dhagaʼama.

BUʼAAN ISAANII MAALI DHA?

Namoonni gochawwan akkasiitti amanan jireenya gaarii fi egeree amansiisaa argataniiruu?

Mee muuxannoo Haayoo isa Veetnaam jiraatuu haa ilaallu. Inni qajeelfama argachuuf jecha urjii lakkaaʼuu, gocha feengi shuyii jedhamu raawwachuu fi namoota duʼan waaqeffachuu jalqabe. Maarree, milkaaʼina argateeraa? Haayoon, “Daldalli koo waan kasaareef liqii hedduu keessan gale, maatiin koo ni jeeqame, akkasumas dhiphina guddaa keessan gale” jedheera.

Choongi inni Taayiwaan jiraatus, urjii lakkaaʼuu, deebiʼanii dhalachuu, hiree, gocha feengi shuyii jedhamu raawwachuu fi namoota duʼan waaqeffachuutti amana ture. Wantoota itti amanu kana of eeggannoodhaan erga qoree booda akkana jedheera: “Barumsawwanii fi duudhaawwan kun akka wal faallessanii fi akka nama burjaajessan nan hubadhe. Wanti namoonni urjii lakkaaʼan raagan sirrii akka hin taanes biran gaʼe. Deebiʼanii dhalachuu ilaalchisee immoo, ‘Jireenya koo isa duraanii hin yaadadhu taanan jijjiirama gochuudhaan wanta jireenya koo isa gara fuulduraatiif na fayyadu akkamittan raawwachuu dandaʼa?’ jedheen of gaafadhe.”

“Barumsawwanii fi duudhaawwan kun akka wal faallessanii fi akka nama burjaajessan nan hubadhe.”—CHOONGI, TAAYIWAAN

Haayoon, Choongii fi namoonni kan biroo hedduun akka hubatanitti egeree keenya kan murteessu hiree, urjii, namoota duʼan waaqeffachuu ykn deebiʼanii dhalachuu miti. Maarree, egereen keenya toʼannaa keenyaa ala jechuu dhaa?

FILANNOO GAARII GOCHUUN BARBAACHISAA DHA

Wantoonni nu irra gaʼan hedduun toʼannaa keenyaa ala taʼanis, muuxannoon akka argisiisutti filannaan goonu egeree keenya irratti dhiibbaa qaba. Fakkeenyaaf, yeroo weerarri dhibee kan akka Kooviid 19 babalʼachaa jirutti harka keenya kan dhiqannuu fi maaskii kan godhannu maaliifi? Kana gochuuf filachuun keenya lubbuu keenya waan oolchuufi. Ifatti akka hubannutti filannaa gaarii gochuun kee barbaachisaa dha.

Buʼaa gaarii argachuu yoo barbaanne filannaa ogummaa irratti hundaaʼe gochuun nu barbaachisa. Waggaa 2,000 dura barsiisaan ogeessi tokko, “Namni waanuma facaase sana haammata” jedheera.b

Namoonni baayʼeen egeree amansiisaa qabaachuuf barumsa sadarkaa ol aanaa barachuu fi qabeenya qabaachuun akka isaan barbaachisu isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, namoonni filannaa akkasii godhan buʼaa akkamii argatan?

a Maxxansa kana keessatti maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

b Yaanni kun Kitaaba Qulqulluu keessatti Galaatiyaa 6:7 irratti argama. Jechama, ‘Namni dabaaqula facaasu dabaaqula haammata; namni baaqelaa facaasu immoo baaqelaa haammata’ jedhuu wajjinis wal sima.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi