LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 3 ful. 3
  • Namni Hundi Egeree Amansiisaa Qabaachuu Barbaada

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namni Hundi Egeree Amansiisaa Qabaachuu Barbaada
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Seensa
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Daandii Egeree Amansiisaa Argamsiisu
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Nama Gaarii Taʼuun Kee Egeree Amansiisaa Siif Argamsiisuu ni Dandaʼaa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Barumsii fi Maallaqni Egeree Amansiisaa ni Argamsiisuu?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 3 ful. 3
Warri tokkoo fi intalli isaanii daraaraa muka tokkoo ilaalanii dinqisiifachaa jiru.

Namni Hundi Egeree Amansiisaa Qabaachuu Barbaada

Egeree akkamii qabaachuu barbaadda? Akkuma namoota hedduu atis ofii keetiifis taʼe maatii keetiif egeree amansiisaa, jechuunis gammachuu, fayyaa, nagaa fi badhaadhina qabaachuu barbaadda.

Haa taʼu malee, namoonni hedduun egereen isaanii akka hawwan akka isaaniif hin taane isaanitti dhagaʼama. Rakkoowwan kan akka weerara dhibee Kooviid 19 jiran akkuma tasaa kan uumaman yeroo taʼu, jireenyi namootaa akka hammaatu, hiyyummaan akka babalʼatuu fi namoonni hedduun lubbuu isaanii akka dhaban godhu. Kanaan kan kaʼes, namoonni egereen isaanii amansiisaa akka hin taane isaanitti dhagaʼama.

Namoonni wanta gara fuulduraatti uumamu waan hin beekneef, wanta egeree gaarii qabaachuuf isaan gargaaru argachuuf carraaqqii guddaa godhu. Namoonni tokko tokko jireenyi isaanii hiree isaanii irratti kan hundaaʼe akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Namoonni baayʼeen barumsii fi qabeenyi wanta hawwan akka isaaniif argamsiisu waan yaadaniif, barumsa sadarkaa ol aanaa barachuu fi qabeenya horachuu carraaqqii cimaa godhu. Warri kaan immoo, jireenya gaarii jiraachuuf wanti isaan barbaachisu nama gaarii taʼuu akka taʼe isaanitti dhagaʼama.

Maarree, wantoonni olitti ibsaman egeree hawwitu siif argamsiisuu? Deebii isaa beekuuf, gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaaduun kee barbaachisaa dha:

  • Egeree kee kan murteessu maali dha?

  • Barumsii fi maallaqni egeree amansiisaa qabaachuuf si gargaaruu?

  • Nama gaarii taʼuun kee egeree amansiisaa akka qabaattu godhaa?

  • Qajeelfama egeree amansiisaa qabaachuuf si gargaaru eessaa argachuu dandeessa?

Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf si gargaara.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi