LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 3 ful. 6-8
  • Barumsii fi Maallaqni Egeree Amansiisaa ni Argamsiisuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsii fi Maallaqni Egeree Amansiisaa ni Argamsiisuu?
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • FILANNAA NAMOONNI HEDDUUN GODHAN
  • BUʼAAN ISAANII MAALI DHA?
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Barumsaaf Ilaalcha Akkamii Qabu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Namni Hundi Egeree Amansiisaa Qabaachuu Barbaada
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Daandii Egeree Amansiisaa Argamsiisu
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Gammachuu Argachuuf Maaltu Nu Gargaara?
    Dammaqaa!—2021
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 3 ful. 6-8
Shamarran yunivarsiitiitti baratan lama gara daree isaanii deemaa jiru.

Barumsii fi Maallaqni Egeree Amansiisaa ni Argamsiisuu?

Namoonni hedduun namoonni baratanii fi sooreyyiin egeree amansiisaa akka qaban yaadu. Namni tokko yunivarsiitiitti barachuun isaa hojjetaa gaarii, miseensa maatii gaarii fi lammii gaarii taʼuuf isa gargaaruu akka dandaʼu amanu. Kana malees, barumsi sadarkaa ol aanaa mindaa gaarii akka argamsiisuu fi namoonni maallaqa hedduu qaban gammadoo akka taʼanitti yaadu.

FILANNAA NAMOONNI HEDDUUN GODHAN

Mee wanta Zihaan Cheen inni Chaayinaa jiraatu dubbate haa ilaallu. Akkana jedheera: “Hiyyummaa keessaa baʼuuf digriin akka na barbaachisu, akkasumas jireenya gammachiisaa jiraachuuf mindaa guddaan akka na barbaachisun amana ture.”

Namoonni hedduun egeree amansiisaa qabaachuuf jecha yunivarsiitii beekamaa taʼetti, tarii immoo yunivarsiitii biyya alaatti barachuuf hawwii guddaa qabu. Hanga Kooviid 19n kan kaʼe imalli daangeffametti namoonni hedduun akkana gochaa turan. Dhaabbanni bara 2012⁠tti qorannoo godhe tokko akka ibsetti barattoota biyya alaatti baratan keessaa 52% barattoota Eeshiyaadhaa dhufani dha.

Maatiiwwan hedduun ijoollee isaanii yunivarsiitii biyya alaatti barsiisuuf aarsaa guddaa kaffalu. Chiishiyaangi inni Taayiwaan jiraatu, “Warri koo sooreyyii miti; taʼus, arfan keenya iyyuu kolleejjii Yuunaayitid Isteetisitti argamu tokkotti nu barsiisaniiru” jedheera. Warri isaa akkuma maatii kaanii isaan barsiisuuf jecha liqii hedduu keessa galaniiru.

BUʼAAN ISAANII MAALI DHA?

Shamarreen ishiin takka erga dhihee booda baayʼee dadhabdee fi dhiphattee kompiitara ishii fuuldura teessee jirti.

Namoonni barumsa sadarkaa ol aanaa barachuu fi qabeenya horachuuf carraaqqii gochaa turan hedduun abdii kutataniiru

Barumsi karaa tokko tokkoon jireenya kan fooyyessu taʼus, buʼaa barattoonni eegan kan argamsiisu yeroo hunda miti. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun waggoota hedduudhaaf cimanii kan hojjetanii fi liqii hedduu keessa kan galan taʼus, hojii barbaadan argachuu hin dandeenye. Gabaasni tokko namoonni yunivarsiitiidhaa eebbifaman hedduun hojii akka hin arganne gabaaseera. Jiyeenjiyeen inni doktireetii qabuu fi Taayiwaan jiraatu, “Namoonni hedduun wanta hin baranneen hojjechuuf dirqamaniiru” jedheera.

Warri wanta barataniin hojii argatan illee jireenyi isaanii akka yaadan akka isaaniif hin taane isaanitti dhagaʼama. Niiriin inni Taayilaandi jiraatuu fi yunivarsiitii Yuunaayitid Kiingidamitti argamu tokko irraa eebbifame wanta barateen hojii argateera. Akkana jedheera: “Akkuman yaade, digriin koo hojii mindaa gaarii qabu naaf argamsiiseera. Haa taʼu malee, mindaa kana argachuuf hojii hedduu fi saʼaatii hedduu hojjechuun qaba. Yeroo booda immoo, dhaabbanni ani keessatti hojjedhu ana dabalatee hojjettoota hedduu ariʼe. Amma hojiin kam iyyuu egereen keenya amansiisaa akka taʼu akka hin goone hubadheera.”

Namoonni sooreyyiin ykn jireenya gaarii jedhamu jiraatan illee rakkinni maatii isaan mudata, ni dhukkubsatu, akkasumas waaʼeen maallaqaa isaan yaaddessa. Kaatsutoshii inni Jaappaan jiraatu, “Qabeenya hedduu kanan qabu taʼus namoonni hedduun waan natti hinaafanii fi karaa sirrii hin taaneen waan na qabaniif gammachuu hin qabu” jedheera. Laam ishiin Veetnaam jiraattu immoo akkana jetteetti: “Namoonni hedduun maallaqa hedduu qabaachuun nageenya isaaniitiif murteessaa akka taʼe waan yaadaniif hojii mindaa gaarii isaaniif argamsiisu argachuuf carraaqqii yommuu godhan argeera; garuu wanti isaan irra gaʼu faallaa isaa ti; jireenyi isaanii amansiisaa akka hin taane isaanitti dhagaʼama, fayyaa dhabu, akkasumas baayʼee dhiphatu.”

BARUMSII FI MAALLAQNI QOFTI GAʼAA KAN HIN TAANE MAALIIFI?

Dhugaa dubbachuuf ofii keenyaafis taʼe maatii keenyaaf wanta barbaachisu dhiheessuuf barumsi buʼuuraa fi maallaqni nu barbaachisa. Haa taʼu malee, wantoonni kun qofti egereen keenya amansiisaa akka taʼu gochuu hin dandaʼan. Maaliif? Mee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu haa ilaallu.

BARUMSI SADARKAA OL AANAA MILKAAʼINA ARGAMSIISUU DHIISUU DANDAʼA.

“Warri saffisan yeroo hundumaa dorgommii irratti hin moʼan, . . . gamnoonni yeroo hundumaa qabeenya hin argatan, warri beekumsa qabanis yeroo hundumaa milkaaʼina hin argatan; sababiin isaas, yeroo fi wanti hin eegamne hunduma isaanii irra ni gaʼa.”—LALLABA 9:11.

Namni tokko barumsa guddaa qabaatus wantoonni toʼannaa isaatii ala taʼan hedduun waan jiraniif jireenya isaa keessatti milkaaʼina dhabuu dandaʼa. Namni tokko baayʼee kan barate taʼus, rakkina diinagdee ykn jeequmsa siyaasaa biyya isaa keessa jiruun kan kaʼe milkaaʼina dhabuu dandaʼa.

QABEENYI BADUU DANDAʼA.

“Qabeenya argachuuf of hin dhamaasin. Takka dhaabbadhuutii hubannaa akka qabdu argisiisi. Ija kee yommuu irra buufattu, inni achitti hin argamu, sababiin isaas, inni qoochoo akka risaa baasee gara samiitti barrisa.”—FAKKEENYA 23:4, 5.

Maallaqni nageenya itti fufiinsa qabu argamsiisuu hin dandaʼu. Halkan tokkotti maallaqa qabdu hundumaa dhabuu dandeessa. Balaawwan uumamaa kan akka kirkira lafaa, ibidda bosonaa fi obomboleettii jiran namni tokko harka duwwaatti akka hafuu fi mana isaa akka dhabu gochuu dandaʼu.

MAALLAQNI YEROO BAAYʼEE RAKKINA FIDA.

“Sooressi . . . qabeenyi hedduun inni qabu hirriba isa dhowwa.”—LALLABA 5:12.

Firaankilin inni Hoongi Koongi jiraatu jireenya isaa keessatti yaanni kun dhugaa taʼuu isaa argeera. Barumsa ol aanaa barateera, akkasumas hojii mindaa gaarii isaaf argamsiisu qaba ture. Boodas hogganaa taʼe. Firaankilin, “Dhiphina natti dhagaʼamuun kan kaʼe dhukkubsachuun jalqabe. Garmalee waanan yaaddaʼuuf hirriba rafuu illee hin dandeenye” jedheera. Hojii isaa itti fufuu waan hin dandeenyeef yeroo booda ni dhaabe. “‘Wanta akkasii maalifan godhe?’ jedhee of gaafachuun jalqabe; kun immoo, waaʼee kaayyoo jireenyaa caalaatti akkan yaadu na kakaase” jedheera.

“Qabeenya argachuuf of hin dhamaasin.”—FAKKEENYA 23:4

Namoonni hedduun akkuma Firaankilin jireenya isaanii keessatti barumsa sadarkaa ol aanaa barachuu fi qabeenya horachuu caalaa wanti barbaachisaa taʼe akka jiru hubataniiru. Isaan keessaa tokko tokko egereen isaanii gaarii akka taʼuuf nama gaarii taʼuu fi warra kaaniif wanta gaarii gochuuf carraaqqii godhu. Akkas gochuun egereen keenya amansiisaa akka taʼu ni godhaa? Mata dureen itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi