LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 3 ful. 9-11
  • Nama Gaarii Taʼuun Kee Egeree Amansiisaa Siif Argamsiisuu ni Dandaʼaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nama Gaarii Taʼuun Kee Egeree Amansiisaa Siif Argamsiisuu ni Dandaʼaa?
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • DAANDII NAMOONNI HEDDUUN HORDOFAN
  • BUʼAAN ISAA MAALI DHA?
  • Namni Hundi Egeree Amansiisaa Qabaachuu Barbaada
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Daandii Egeree Amansiisaa Argamsiisu
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Seensa
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • ‘Garraamonni Lafa ni Dhaalu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 3 ful. 9-11
Otoobisii keessatti dubartiin takka teessuma ishii dubartii maanguddoo takkaaf gadhiisaa jirti.

Nama Gaarii Taʼuun Kee Egeree Amansiisaa Siif Argamsiisuu ni Dandaʼaa?

Bara duriitii kaasee namoonni baayʼeen egeree amansiisaa qabaachuuf nama gaarii ykn nama naamusa qabu taʼuun akka isaan gargaaru isaanitti dhagaʼama. Fakkeenyaaf, namoonni Eeshiyaa keessa jiraatan hedduun wanta barsiisaa falaasamaa kan taʼe Konfiishiyas (Dh.K.D. 551-479), “Wanta akka si irratti godhamu hin barbaanne namoota irratti hin godhin” jechuudhaan dubbateef iddoo guddaa kennu.a

DAANDII NAMOONNI HEDDUUN HORDOFAN

Yeroo ammaatti iyyuu namoonni hedduun egeree amansiisaa qabaachuuf amala gaarii qabaachuun murteessaa akka taʼe amanu. Kanaafuu, warra kaan kabajuuf, naamusa gaarii qabaachuuf, iddoo hawaasa isaanii keessatti qaban eeguuf, akkasuma qalbii gaarii qabaachuuf carraaqqii godhu. Dubartiin Veetnaam jiraattuu fi Liin jedhamtu, “Nama amanamtuu yoon taʼe eebba akkan argadhu cimseen amana” jetteetti.

Dubartiin tun namoota hiyyeeyyii mana hin qabneef nyaata kennaa jirti.

Namoonni tokko tokko amantaa isaaniitiin kan kaʼe wanta gaarii gochuuf kakaʼu. Namichi Taayiwaan jiraatuu fi Shuuyuun jedhamu, “Namni tokko wanta gaarii yoo raawwate erga duʼee booda eebba bara baraa akka argatu, wanta gaarii hin taane yoo raawwate immoo akka dhiphatu baradheen ture” jedheera.

BUʼAAN ISAA MAALI DHA?

Dubartiin tun dhuma guyyichaatti gadditee fi baayʼee dadhabdee mucaa ishii hammattee jirti.

Namootaaf waan gaarii gochuun keenya faayidaa hedduu akka nuuf argamsiisu beekamaa dha. Haa taʼu malee, namoonni garaa qajeelaadhaan kakaʼanii warra kaaniif waan gaarii gochuuf yaalan hedduun yeroo hunda akka yaadanitti buʼaa gaarii hin argatan taʼa. Dubartiin Hoongi Koongi jiraattuu fi Siyuu Piingi jedhamtu akkana jetteetti: “Namoonni wanta gaarii raawwatan eebba kan argatan yeroo hunda akka hin taane jireenya koo keessatti argeera. Maatii koo kunuunsuu fi waan gaarii raawwachuuf wanta naaf dandaʼame hunda godheera. Taʼus, gaaʼelli koo ni diigame; abbaan manaa koo anaa fi ilma koo dhiisee deeme.”

Namoonni hedduun amantaan namoonni gaarii akka taʼan kan gargaaru yeroo hunda akka hin taane hubataniiru. Dubartiin Jaappaan jiraattuu fi Etsiikoo jedhamtu akkana jetteetti: “Dhaabbata amantaa tokko keessatti hoggantuu sochiiwwan dargaggoonni irratti hirmaataniin taʼe. Namoonni amantaa koo hordofan tokko tokko jireenya naamusaan ala taʼe akka jiraatan, aangoo argachuuf akka wal morkatanii fi maallaqa waldaatti karaa sirrii hin taaneen akka fayyadaman yommuun beeku baayʼeen naʼe.”

“Maatii koo kunuunsuu fi waan gaarii gochuuf wanta naaf dandaʼame hunda godheera. Taʼus, gaaʼelli koo ni diigame; abbaan manaa koo anaa fi ilma koo dhiisee deeme.”—SIYUU PIINGI, HOONGI KOONGI

Namoonni amantaa isaanitti cimoo taʼanii fi wanta gaarii gochuuf yaalan tokko tokko wanti hamaan isaan irra gaʼuu isaatiin kan kaʼe abdii kutataniiru. Vaan ishiin Veetnaam jiraattus miirri akkasii ishiitti dhagaʼameera. Akkana jetteetti: “Gara fuulduraatti eebba akkan argadhuuf, guyyaa guyyaadhaan kuduraa, abaaboo fi nyaata biteen abbootii keenya warra duʼaniif aarsaa dhiheessa. Waggoota hedduudhaaf wantoota gaggaarii fi duudhaawwan amantaa hedduu raawwachaa kanan ture taʼus, abbaan manaa koo baayʼee dhukkubsate. Intalli tiyya ishiin biyya alaatti barachaa turtes umurii dargaggummaa ishiitti duute.”

NAMA GAARII TAʼUUN QOFTI GAʼAA KAN HIN TAANE MAALIIFI?

Egeree amansiisaa qabaachuuf nama gaarii taʼuun barbaachisaa taʼus, kun qofti gaʼaa miti. Akkas kan jennu maaliifi? Mee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu haa ilaallu.

WANTA GAARII KAN GODHU NAMA HUNDA MITI

“Namni cubbamaan tokko qofti . . . wanta gaarii hedduu balleessuu dandaʼa.”—LALLABA 9:18.

Nama gaarii taʼuuf carraaqqii cimaa kan gootu taʼus, gochi ofittummaa warri kaan raawwatan egeree kee irratti dhiibbaa gochuun isaa hin oolu. Fakkeenyaaf, yeroo weerarri dhibee jirutti qajeelfama abbootiin taayitaa kennan hordofuudhaan fageenya kee eeggatta taʼa. Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko qajeelfama kennamu hin hordofan taanaan maaltu taʼa? Gochi isaanii kun namoonni qajeelfama hordofanis weerara dhibee sanaan akka qabaman gochuu dandaʼa.

WANTA GAARII TAʼEE FI WANTA GAARII HIN TAANE ILAALCHISEE NAMOONNI DOGOGGORUU DANDAʼU

“Daandiin sirrii fakkaatee namatti mulʼatu jira, dhuma irratti garuu gara duʼaatti geessa.”—FAKKEENYA 14:12.

Namoonni hedduun yeroo dheeraadhaaf wanta sirrii isaanitti fakkaate erga raawwatanii booda dogoggoranii akka turan hubataniiru. Wanta tokko kan raawwatan sirrii akka taʼe yaadanii taʼus, murtoo gaarii hin taane gochuu isaaniitiin kan kaʼe rakkinni isaan irra gaʼeera.

WANTA BORU UUMAMU HIN BEEKNU

“Jireenyi keessan boru maal akka taʼu hin beektan.”—YAAQOOB 4:14.

Namni gaariin tokko illee akkuma tasaa duʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yeroo weerara dhibee Kooviid 19⁠tti namoonni warra kaan gargaaruuf yaalaa turan hedduun lubbuu isaanii dhabaniiru. Mee muuxannoo dubartii Chaayinaa jiraattuu fi Liitiingi jedhamtu tokkoo haa ilaallu; Liitiingi balaa konkolaataatiin abbaa ishii duʼaan dhabdeetti. “Namni gaariin akka isaa maaliif akka duʼu naaf hin galu. Abbaan koo nama jabaatee hojjetu, nama gad of qabuu fi amanamaa dha. Garuu namoota konkolaataa sana keessa turan keessaa kan duʼe isa qofa dha” jetteetti.

Maarree, nama gaarii taʼuun egeree amansiisaa hin argamsiisu taanaan, wanti egeree amansiisaa argamsiisu maali dha? Deebii gaaffii kanaa argachuuf, qajeelfamni amansiisaa taʼe, jechuunis maddi odeeffannoo deebii gaaffiiwwan keenyaa argachuuf nu gargaaruu fi daandii egeree amansiisaatti geessu nutti argisiisu nu barbaachisa. Qajeelfama akkasii eessaa argachuu dandeenya?

a Barumsa Konfiishiyas ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Mankind’s Search for God jedhamu irraa boqonnaa 7, keeyyata 31-35 ilaali; kitaabichi www.jw.org irratti ni argama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi