LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 3 ful. 12-14
  • Qajeelfama Egeree Amansiisaa Qabaachuuf Nu Gargaaru Argachuu ni Dandeenyaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qajeelfama Egeree Amansiisaa Qabaachuuf Nu Gargaaru Argachuu ni Dandeenyaa?
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • QAJEELFAMA QAAMA HUNDUMAA CAALU IRRAA ARGAMU
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Dammaqaa!—2017
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Kitaabni Qulqulluun Qajeelfama Amansiisaa Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
  • Macaafa Qulqulluudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabda?
    Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabda?
  • ‘Garraamonni Lafa ni Dhaalu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 3 ful. 12-14
Namichi tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jira.

Qajeelfama Egeree Amansiisaa Qabaachuuf Nu Gargaaru Argachuu ni Dandeenyaa?

Akkuma mata dureewwan darban keessatti ibsametti, namoonni hedduun hireen, barumsi, qabeenyii fi nama gaarii taʼuun egeree gaarii qabaachuuf akka isaan gargaaru amanu. Haa taʼu malee, egeree keenya ilaalchisee wantoota kanatti amanamuun, akkuma iddoo hin beekne tokko dhaquuf kaartaa sirrii hin taaneetti fayyadamuu ti. Maarree, egeree keenya ilaalchisee qajeelfama amansiisaa argachuu hin dandeenyu jechuu dhaa? Akkas jechuu miti.

QAJEELFAMA QAAMA HUNDUMAA CAALU IRRAA ARGAMU

Yommuu murtoo goonu yeroo baayʼee nama umuriidhaanis taʼe ogummaadhaan nu caalu mariisisna. Haaluma wal fakkaatuun, egeree keenya ilaalchisee Qaama umuriidhaanis taʼe ogummaadhaan nu caalu irraa qajeelfama amansiisaa argachuu ni dandeenya. Kitaaba waggoota 3,500 dura barreeffamuu eegale irraa gorsa isaa argachuu dandeenya. Kitaabni kunis Kitaaba Qulqulluu dha.

Wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu amanuu kan dandeessu maaliifi? Qaama hundumaa caalaa ogeessa taʼe irraa waan argameefi. Innis “[Isa] Bara Dheeraa Jiraate,” isa “bara baraa hamma bara baraatti [Waaqa taʼe]” dha. (Daaniʼel 7:9; Faarfannaa 90:2) “Inni Uumaa samiiwwanii fi Waaqa dhugaa taʼe, inni lafa tolche” isa dha. (Isaayyaas 45:18) Maqaan isaa Yihowaa akka taʼes nutti himeera.—Faarfannaa 83:18.

Kitaabni Qulqulluun kan dhufe Uumaa namoota hundumaa irraa waan taʼeef, aadaa ykn sanyii tokko isa kan biraa irra hin caalchisu. Gorsi isaa yeroon kan itti hin darbinee fi namoota biyya kam iyyuu keessa jiran kan fayyadu dha. Kitaaba kam iyyuu caalaa afaan hedduutti hiikameera, akkasumas balʼinaan raabsameera.a Kana jechuun namoonni eessa iyyuu jiraatan yaada isaa salphaatti hubachuu fi qajeelfama irraa argachuu dandaʼu jechuu dha. Kitaabni Qulqulluun iyyuu kana ifatti dubbata:

“Waaqayyo [hin loogu]; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”—HOJII ERGAMOOTAA 10:34, 35.

Akkuma warri ijoollee isaaniitiif yaadan qajeelfama isaaniif kennan, Waaqni keenya Yihowaan inni Abbaa jaalala qabeessa taʼes Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee qajeelfama nuuf kenna. (2 Ximotewos 3:16) Kan nu uume isa waan taʼeef, wanta jireenya keessatti gammachuu nuuf argamsiisu beeka; kanaafuu, atis Dubbii isaatti amanamuu ni dandeessa.

QAJEELFAMA AMANSIISAA TAʼE

Fakkiiwwan garaa garaa: 1. Namichi tokko utuu baaburaan imalaa jiruu moobaayilii isaa irraa dubbisaa jira. 2. Moobaayilii namichaa irratti kan mulʼatu Kitaaba Qulqulluu dha.

Raajiin Kitaaba Qulqulluu keessatti waggaa 2,000 dura taʼeewwan addunyaa fi amala namootaa ilaalchisee ibsame yeroo harʼaatti raawwatamaa waan jiruuf, kitaabni kun egeree kee ilaalchisee qajeelfama amansiisaa akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa.

TAʼEEWWAN

“Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa. Kirkirri lafaa guguddaan ni taʼa; bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa fi golfaan ni jiraata.”—LUQAAS 21:10, 11.

AMALA

“Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe [ni dhufa]. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, arrabsitoota, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan, Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu.”—2 XIMOTEWOS 3:1-4.

Kitaabni Qulqulluun bara dheeraa dura wanta yeroo ammaatti raawwatamu akka gaariitti kan ibsu taʼuu isaa beekuun kee maal gochuuf si kakaasa? Wanta Looyen ishiin Hoongi Koongi jiraattu dubbatte irratti akka walii galtu hin shakkisiisu; akkana jetteetti: “Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kan barreeffaman bara dheeraa dura dha. Namni wantoonni kun akka raawwataman dursee beekuu dandaʼu hin jiru. Kitaabni Qulqulluun Qaama nu irra baayʼee caalu irraa akka dhufe ifa dha.”

Kitaabni Qulqulluun raajiiwwan raawwii isaanii argatan hedduu qabateera.b Kun Kitaabni Qulqulluun dhuguma iyyuu Dubbii Waaqayyoo akka taʼe mirkaneessa. Yihowaan, “Ani Waaqa dha, kan akka kootii tokko illee hin jiru. Wanta gara fuulduraatti taʼu jalqaba irraa kaasee . . . nan dubbadha” jedheera. (Isaayyaas 46:9, 10) Kanaafuu, wanta Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee dubbatu irratti amantii qabaachuu ni dandeessa.

QAJEELFAMA YEROO AMMAATTIS TAʼE BARA BARAAF SI FAYYADU

Warri tokko ijoollee isaanii lama harka qabanii dirree keessa gammachuudhaan deemaa jiru.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu yeroo hordoftu faayidaa guddaa argatta. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

MAALLAQAA FI HOJIIDHAAF ILAALCHA MADAALAMAA QABAACHUU

“Hojii cimaa hammaarraa lama irra boqonnaa hammaarraa tokko wayya; kun bubbee duukaa fiiguu wajjin tokko dha.”—LALLABA 4:6.

JIREENYA MAATII

“Isin keessaa tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallattanitti haadha manaa keessan jaalladhaa; karaa biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.”—EFESOON 5:33.

WARRA KAANII WAJJIN WALII GALUU

“Dheekkamsa irraa of dhowwi, aariis dhiisi; aartee wanta hamaa raawwachuutti hin gorin.”—FAARFANNAA 37:8.

Gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun kee yeroo ammaattis taʼe egeree keetiif si fayyada. Kitaaba Qulqulluu keessatti Waaqayyo egeree dinqisiisaa qabaachuu akka dandeenyu waadaa nuu galeera:

NAGAA FI TASGABBII

“Nagaa hedduu [argatanii] baayʼee ni gammadu.”—FAARFANNAA 37:11.

NAMNI HUNDI MANA JIREENYAA FI NYAATA GAʼAA NI QABAATA

“Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu.”—ISAAYYAAS 65:21.

DHUKKUBNII FI DUUTI HIN JIRAATU

“Duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.”—MULʼATA 21:4.

Egereen kee akkas akka taʼuuf maal gochuu qabda? Mata duree itti aanu ilaali.

a Kitaabni Qulqulluun afaan hammamiin akka hiikamee fi hangam akka raabsame ibsa balʼaa argachuuf www.jw.org/om irraa mata duree BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > SEENAA FI KITAABA QULQULLUU jedhu jalaa ilaali.

b Ibsa dabalataa argachuuf kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi The Bible—God’s Word or Man’s? jedhamu irraa boqonnaa 9 ilaali. Kitaabichi www.jw.org irratti ni argama. Mata duree LIBRARY > BOOKS & BROCHURES jedhu jalaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi