Egereen Kee Harka Kee Keessa Jira
Waggoota 3,500 dura Yihowaan egereen isaanii amansiisaa akka taʼuuf maal gochuu akka qaban namoota isa waaqeffatanitti himee ture; akkana isaaniin jedhe: ‘Jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa si dura kaaʼeera; atii fi sanyiin kee akka jiraattaniif jireenya filadhu.’—Keessa Deebii 30:19.
Egereen isaanii gaarii akka taʼuuf filannaa sirrii gochuu qabu turan. Yeroo harʼaatti nutis filannoo wal fakkaatu qabna. Kitaabni Qulqulluun egeree amansiisaa filachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe yeroo ibsu, “Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan, sagalee isaa dhagaʼuudhaan” jedha.—Keessa Deebii 30:20.
YIHOWAA JAALLACHUU FI SAGALEE ISAA DHAGAʼUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
KITAABA QULQULLUU BARADHU: Yihowaa jaallachuuf jalqaba Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee isaa barachuu qabda. Yommuu akkas gootu, inni Waaqa jaalala qabeessa waan gaarii siif hawwu akka taʼe hubatta. “Inni [siif] waan yaaduuf” akka isatti kadhannaa dhiheessitu si affeereera. (1 Pheexiros 5:7) Kitaabni Qulqulluun isatti dhihaachuuf carraaqqii yoo goote, ‘innis akka sitti dhihaatu’ dubbata.—Yaaqoob 4:8.
WANTA BARATTE HOJII IRRA OOLCHI: Waaqayyoon dhaggeeffachuu jechuun, qajeelfama isaa isa ogummaa irratti hundaaʼee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu hordofuu jechuu dha. Akkana yoo goote, “daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.”—Iyyaasuu 1:8.