LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w23 Sadaasa ful. 32
  • Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Faarfannaa Hafuuraa” Sammuutti Qabachuuf Yaali
  • Faarfannaatti Fayyadamaatii Gammachuudhaan Yihowaa Jajadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Walga’iiwwan Keenyarratti Yihowaadhaaf Faarfachuuf Qophoofteettaa?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Faarfannaawwan Haaraa Waaqeffannaadhaaf Gargaaran!
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Faarfannaawwan Caalaatti Waaqayyotti Nu Dhiheessan
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
w23 Sadaasa ful. 32

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

“Faarfannaa Hafuuraa” Sammuutti Qabachuuf Yaali

“Yeroon gatii akka hin qabne natti dhagaʼamu, Yihowaan faarfannaawwan JW Biroodkaastiingiirratti baʼanitti fayyadamee na jajjabeessa.”—Looriin, Yuunaayitid Isteetis.

Kiristiyaanonni Waaqayyoon jajachuuf yeroo hunda “faarfannaa hafuuraa” faarfatu. (Qol. 3:16) Faarfannaawwan kana sammuutti qabachuun kee, yeroo kitaaba faarfannaa ykn meeshaa eleektiroonikii of biraa hin qabnettillee irraa fayyadamuuf si gargaara. Faarfannaawwan kana yaadachuuf akka si gargaaruuf qabxiilee armaan gadii hojiirra oolchuuf yaali.

  • Hiika isaa hubachuuf walaloo isaa xiyyeeffannaadhaan dubbisi. Ergaan isaa yoo sii gale salphaatti yaadatta. Faarfannaawwan addaa fi faarfannaa ijoollee dabalatee walaloon faarfannaa keenya hundaa jw.org irratti ni baʼa. Kutaa Laayibrarii jedhu jalaa mata duree Faarfannaa jedhu bani.

  • Walaloo isaa waraqaarratti barreeffadhu. Akkas gochuun kee caalaatti yaadachuuf si gargaara.—Kes. 17:18.

  • Sagalee kee ol kaasii shaakali. Faarfannicha irra deddeebiʼii dubbisi ykn faarfadhu.

  • Hammam akka yaadattu of qori. Walaloo isaa utuu hin ilaalin yaadachuuf yaali; achiis yaadachuu kee beekuuf walaloo isaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi