LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 7/14 ful. 8-9
  • Akkaataa Itti Sirreeffama Fudhachuu Qabdu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Itti Sirreeffama Fudhachuu Qabdu
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAALA RAKKISAA
  • Adabni Jaalala Yihowaan Nuuf Qabu Argisiisa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Rakkoowwan Dandamachuu
    Dammaqaa!—2019
  • 6 Adaba Kennuu
    Dammaqaa!—2018
  • Akka Gad Of Qaban Ijoollee Barsiisuu
    Dammaqaa!—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2014
g 7/14 ful. 8-9
Nama guddaa dargaggeessa tokkoof sirreeffama kennaa jiru

MAATIIDHAAF | DARGAGGOOTA

Akkaataa Itti Sirreeffama Fudhachuu Qabdu

HAALA RAKKISAA

“Namni tokko sirreeffama yeroo sii kennu, dogoggora tokko akka hojjette sitti himaa jira jechuudha. Namni ‘Dogoggora akkan hojjedhe yeroo natti himan natti tola’ jedhu jira jedhee hin yaadu.”—Eemii, umrii waggaa 17.a

[Fakkii fuula 8⁠rra jiru]

Namni sirreeffama hin fudhanne, nama xiyyaara oofuufi qajeelfama buufata xiyyaaraarraa isaaf kennamu hin fudhannee wajjin tokkodha. Akkas gochuun balaa guddaa geessisuu dandaʼa.

Sirreeffama warrakee, barsiisotakeefi nama guddaarraa sii kennamu fudhachuun sitti ulfaataa? Akkas yoo taʼe, matadureen kun si gargaara.

WANTA BEEKUU QABDU

Namni sirreeffamni isa hin barbaachisne hin jiru.

“Nuyi hundumti keenya baayʼee irraa in kaanna.”—Yaaqoob 3:2.

“Dogoggora tokko yeroo hojjettu sirreeffamni sii kennamuunsaa waan nama qaanessu miti.”—Jeesiikaa.

Sirreeffamni sii kennamuunsaa ati nama gadhee akka taate kan argisiisu miti.

“Abbaan ilma isaa isa jaallatu akkuma adabu, Waaqayyo nama jaallatu in adaba.”—Fakkeenya 3:12.

“Namoonni yeroo sirreeffama naa kennan, kana gochuun hammam isaanitti ulfaatee taʼuu akka dandaʼuufi gorsa naa kennuunsaanii jaalala naaf qaban kan argisiisu taʼuusaarrattin xiyyeeffadha.”—Tamaaraa.

Sirreeffamni nama fooyyaʼaa akka taatu si godha.

“Gorsa dhagaʼaa, ogeessotas taʼaa.”—Fakkeenya 8:33, hiika bara 1899.

“Sirreeffamni guddina gochuuf baayʼee barbaachisaadha. Ilaalcha namoonni siif qaban hubachuuf, akkasumas amala gadhee ati qabaachuu keellee hin beekne jijjiiruuf si gargaara.”—Diyaan.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Dhimmichaaf ilaalcha sirrii qabaadhu. Sirreeffamni tokko yeroo sii kennamu aaruu dandeessa taʼa. Taʼuyyuu miirakeerratti xiyyeeffachuu dhiisuuf yaali. Kana gochuuf akka si gargaaruuf, yeroodhaaf haala sana keessaa of baasiitii akka waan nama biraatiif, tarii quxisuukeetiif gorsuma kana kennaa jirtuutti yaadi. Ammahoo faayidaa gorsi kun qabu hubattee? Mee ammammoo haala sana keessa deebisii of galchiitii, faayidaa inni siif qaburratti yaaduuf yaali.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Lallaba 7:9.

“Al tokko tokko namni gorsa kan sii kennu miirakee miidhuuf utuu hin taʼin, nama fooyyaʼaa akka taatu si gargaaruuf akka taʼe waan irraanfattuuf sirreeffamni sii kennamuusaatti ni aarta taʼa.”—Tariisa.

Gad of deebisi. Koorri sirreeffama fudhachuurraa duubatti akka jettu akka si godhu hin heyyamin. Karaa gara biraatiinimmoo, wanti sirreessuu qabdu jiraachuunsaa abdii si kutachiisuu hin qabu. Gad of deebisuun koorarraas taʼe abdii kutachuurraa si eega. Sirreeffamni fudhachuuf baayʼee sitti ulfaate tokko sirreeffama baayʼee si barbaachisu taʼuu akka dandaʼu yaadadhu. Sababa kamiiniyyuu kan kaʼe sirreeffama kana yoo fudhachuu didde, carraa gaarii guddina gochuuf si gargaaru tokko dhabdeetta jechuudha.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 16:18.

Sirreeffamni fudhachuuf baayʼee sitti ulfaate tokko sirreeffama baayʼee si barbaachisu taʼuu dandaʼa

“Gaʼeessa taʼuuf sirreeffama fudhachuun baayʼee barbaachisaadha. Sirreeffama nuu kennamu fudhannee guddina hin goonu taanaan, yeroo booda miidhaan nurra gaʼuunsaa hin oolu.”—Liinaa.

Kan galateeffattu taʼi. Sirreeffama sii kenname fudhachuun ulfaataa sitti taʼus, nama sirreeffama sana sii kenne maaliif hin galateeffattu? Namni kun jaalala akka siif qabuufi akka milkooftu akka barbaadu hin shakkisiisu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Faarfannaa 141:5.

“Keessumaa yeroo gorsi si barbaachisu sii kennamutti, ‘Galatoomi’ jechuun dogoggora miti. Gorsi si hin barbaachisne yeroo sii kennamuttillee, carraaqqii namni sun sitti dhihaatee si gorsuuf godheef isa galateeffachuu dandeessa.”—Kaarlaa.

a Maqaawwan mataduree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

CAQASOOTA IJOO TAʼAN

  • “Daftee hin aarin!”—Lallaba 7:9.

  • “Of gurguddisuun badiisatti, . . . nama in geessa.”—Fakkeenya 16:18.

  • “Namni qajeelaan na rukutuun anaaf gaarii dha.”—Faarfannaa 141:5.

Jastiin

“Sirreeffamni yeroo naa kennamu natti toluu dhiisuu dandaʼa; taʼus namni gorsa naa kennu sun akkan fooyyaʼu akka barbaadu yaadachuufan yaala. Michuu akkan milkaaʼu na gargaaru akka taʼetti isa ilaaluufan yaala.”​—JASTIIN

Shaarleet

“Dogoggora akkan hojjedhu beeka; kanaaf namni dogoggorakoo yeroo natti himu natti tola. Wantan sirreessuu qabu beekuu kanan dandaʼu yoo akkas taʼe qofadha.”​—SHAARLEET

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi