LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 3 ful. 10-11
  • Namoota Garagaraa Michoota Godhadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoota Garagaraa Michoota Godhadhaa
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rakkina Jiru
  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu
  • Michoota Garagaraa Qabachuun Akkamitti Nu Gargaara?
  • Wanta Gochuu Dandeessu
  • Jibba Halaalaa Moʼaniiru
    Dammaqaa!—2020
  • Jaalala Argisiisaa
    Dammaqaa!—2020
  • Michoota Kee Ogummaadhaan Filadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Barumsi Waaqayyoo Halaalatti Nama Jibbuu ni Injifata
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 3 ful. 10-11
Dubartoonni sanyii gara garaa qaban afur duubaan ijoolleen isaanii yommuu waliin taphatan waliin haasaʼaa fi kolfaa jiru.

Namoota Garagaraa Michoota Godhadhaa

Rakkina Jiru

Namoota nuti ilaalcha sirrii isaaniif hin qabne irraa yoo adda of baasne, jibbi halaalaa keenya itti caaluu dandaʼa. Akkasumas namoota akka keenyaa qofa michoota yoo godhanne, fudhatama kan qabu akkaataa nuti itti yaadnu, wanta nutti dhagaʼamuu fi wanta nuti raawwannu qofa akka taʼe yaaduu dandeenya.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu

‘Garaa keessan balʼisaa banaa.’—2 QORONTOS 6:13.

Maal jechuu dha? ‘Garaan’ keenya miira keenya argisiisuu dandaʼa. Namoota nu wajjin wal fakkaatan qofa yoo jaallanne, garaan keenya ni cufama ykn ni dhiphata. Rakkina kana hambisuuf, namoota nu irra adda taʼanitti michoomuuf fedhii qabaachuu qabna.

Michoota Garagaraa Qabachuun Akkamitti Nu Gargaara?

Yommuu warra kaan dhuunfaatti beeknu, wantoota tokko tokko karaa adda taʼeen maaliif akka hojjetan hubachuu jalqabna. Caalaatti isaanitti dhihaachaa yommuu deemnu, nu irraa adda taʼuu isaanii ni irraanfanna. Iddoo guddaa isaaniif kennina, akkasumas gammachuu fi gadda isaanii akkuma kan keenyaatti ilaalla.

Fakkeenya Nazaaree haa ilaallu. Ishiin baqattootaaf jibba halaalaa qabdi turte. Wanta ishii gargaare akka itti aanutti ibsiteetti: “Isaanii wajjin yeroo dabarsuu fi isaanii wajjin hojjechuun jalqabe. Namoota wanta dogoggoraa warri kaan waaʼee isaanii dubbatan irraa guutummaatti adda taʼanii wajjinan wal arge. Namoota aadaa adda taʼe qabanitti takkaa erga michoomtanii booda, hundi isaanii tokko akka hin taane hubattu, akkasumas dhuunfaatti isaan jaallachuu fi iddoo guddaa isaaniif kennuu dandeessu.”

Of Eeggannoo Barbaachisaa

Namoonni tokko tokko akkaataa jireenyaa ofii isaanii fi warra kaan miidhu jiraachuu filatu. Kanaafuu, namoota michoota godhannu ilaalchisee of eeggannoo gochuu qabna. Namoota amanamoo hin taane ykn naamusa hin qabne michuu godhachuu dhiisuun jibba halaalaa akka qabnu hin argisiisu. Namoota ulaagaa naamusaa ati qabdu irraa adda taʼe qaban miidhuu ykn mirga isaanii sarbuu kan hin barbaanne taʼus, namoota kana michoota godhachuu dhiisuun kee ogummaa dha.—Fakkeenya 13:20.

Wanta Gochuu Dandeessu

Namoota biyya, sanyii ykn afaan isa kan keetii irra adda taʼe qaban carraa itti haasofsiistu barbaadi. Akkas gochuu dandeessa

  • Waaʼee ofii isaanii yaada muraasa akka sitti himan gaafadhu.

  • Nyaata akka si waliin nyaatan afeeri.

  • Seenaa isaanii dhaggeeffadhu, akkasumas wanta isaan iddoo guddaa kennaniif hubadhu.

Wanti kanaan dura dabarsan eenyummaa isaanii irratti akkamitti dhiibbaa akka godhe hubachuuf yoo yaalte, namoota saba sana keessaa dhufaniif ilaalcha gaarii qabaachuu dandeessa.

SEENAA DHUGAA: Kaandaasamii fi Sookaamaa (Kaanaadaa)

“Kan guddanne bara appaartaayidii Afriikaa Kibbaatti dha. Namoonni sanyii gara garaa qaban dirqamaan gargar baʼanii akka jiraatan godhamu turan; kun immoo sanyii garagaraa gidduu jibbi halaalaa akka jiraatu godheera. Nuti adii hin turre, isaan keessaa tokko tokko nuti gad aanoo akka taanetti waan nu ilaalaniif, keessumaa warra adii hin jaallannu turre. Yeroo sanatti jibba halaalaa akka qabnu hin yaadnu turre. Kanaa mannaa, namoonni jibba halaalaa akka nuuf qaban nutti dhagaʼama ture.

“Ilaalcha keenya jijjiiruuf, dursa fudhannee garaa keenya balʼisuudhaan namoota gara garaa michoota godhanne. Namoota adiitti michoomuu yommuu jalqabnu, wanti adda nu godhu baayʼee muraasa akka taʼe hubanne. Hundumti keenya haala wal fakkaatu qabna, akkasumas rakkinni wal fakkaatu nu mudata.

“Carraa arganne fayyadamnee hiriyoota gaaʼelaa adii yeroo dheeraadhaaf mana keenyatti keessummummaa simanneerra. Akka gaariitti isaan barre. Utuma hin turin, akka wal hin caallee fi michoota akka taanetti wal ilaaluu jalqabne. Kanaan kan kaʼe, namoota adiidhaaf ilaalcha gaarii qabaachuu jalqabne.”

Obboloota dhugaa

Joonii fi Giidewon Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa ala dhaabatanii ijoollee dubbisaa jiru.

Joonii fi Giidewon sanyii fi ilaalchi siyaasaa isaan qaban garaagara kan ture taʼus, michoota taʼaniiru.

Viidiyoo Joonii fi Giidewon: Yeroo Tokko Diina Turan, Amma Garuu Obbolaa Waliif Taʼaniiru jedhu ilaali. Viidiyicha jw.org irraa barbaadi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi