LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 35 ful. 206-ful. 208 key. 4
  • Jabeessuuf Jecha, Irra Deddeebi’uu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jabeessuuf Jecha, Irra Deddeebi’uu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qabxiiwwan Gurguddaa Addeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Qabxiiwwan Guguddaa Adda Baasuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Xumura Gaarii
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Toorii Qopheessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 35 ful. 206-ful. 208 key. 4

Qayyabannaa 35

Jabeessuuf Jecha, Irra Deddeebi’uu

Maal gochuu qabda?

Keessumaa qabxii dhaggeeffattoonni akka yaadatan barbaaddu al tokkoo ol irra deebiʼii dubbadhu.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Irra deddeebiʼuun qabxii gurguddaa yaadachuuf, yaada ijoo akka gaariitti jabeessuufi dhaggeeffattoonni qabxii kana akka hubatan gochuuf gargaara.

AKKA gaariitti barsiisuuf, irra deddeebiʼanii dubbachuun mala barbaachisaa taʼedha. Qabxiin barbaachisaa taʼe irra deddeebiʼamee yoo caqasame, dhaggeeffattoonni qabxii sana yaadachuun isaanitti hin ulfaatu. Yaannisaa xinnoo karaa adda taʼeen yoo irra deebiʼameefimmoo caalaatti hubachuu dandaʼu.

Dhaggeeffattoonni wanta dubbatte yaadachuu hin dandaʼan taanaan, haasaankee amantiisaaniirrattis taʼe jireenyasaaniirratti jijjiirama fiduu hin dandaʼu. Qabxiin jabeessitee ibsitus maal akka taʼe hubachuun isaan rakkisuu dandaʼa.

Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yihowaan, irra deddeebiʼee barsiisuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼa. Yihowaan saba Israaʼeliif Abboommii Kurnan kenneera. Abboommii kanas, jalqaba Tuulluu Siinaarratti karaa ergamaasaa saba sanatti kan hime siʼa taʼu, boodammoo gabatee dhagaarratti barreessuudhaan Museedhaaf kenneera. (Bau. 20:1-17; 31:18; Kes. 5:22) Sabni Israaʼel Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaa dura, Museen qajeelfama Yihowaan isaaf kenneen abboommii kana irra kan isaaniif deebiʼe siʼa taʼu, abboommii kanas hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Keessa Deebii 5:6-21⁠rratti galmeesseera. Abboommii Israaʼelootaaf kenname keessaa inni tokko garaa guutuu, yaada guutuufi humna guutuudhaan Yihowaa akka jaallataniifi akka isa tajaajilan kan ajaju ture. Abboommiin kun irra deddeebiʼamee ibsameera. (Kes. 6:5; 10:12; 11:13; 30:6) Maaliif? Sababiinsaas akkuma Yesus jedhe, “Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana” waan taʼeefidha. (Mat. 22:34-38) Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa sabni Yihudaa abboommiisaa hundumaa eeguunsaanii baayʼee barbaachisaa taʼuusaa al 20 ol isaanitti himeera. (Er. 7:23; 11:4; 12:17; 19:15) Karaa Hisqiʼel raajichaas, saboonni “ani Waaqayyo akkan taʼe isaan in beeku” jechuudhaan al 60 ol irra deddeebiʼee dubbateera.—His. 6:10; 38:23.

Seenaa waaʼee tajaajila Yesus ibsu keessattis qabxii barbaachisaa taʼe jabeessuuf jecha, irra deddeebiʼanii dubbachuun akka gaariitti itti hojjetameera. Fakkeenyaaf Wangeelota arfan haa ilaallu. Wangeelonni kun yaadawwan Wangeelota kaan keessatti argamaniifi bakka guddaa qaban karaa hamma tokko adda taʼeen irra deebiʼanii ibsu. Yesusis, yeroo tokkoo ol barumsa barbaachisaa taʼe tokko karaa garaagaraa barsiiseera. (Mar. 9:34-37; 10:35-45; Yoh. 13:2-17) Duʼuusaa guyyoota muraasa durammoo Gaara Ejersaarratti, yaada barbaachisaa “gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa!” jedhu jabeessuuf, irra deddeebiʼee dubbateera.—Mat. 24:42; 25:13.

Tajaajilarratti. Namoonni tajaajilarratti haasofsiistu wanta itti himte akka yaadatan barbaadda. Karaa buʼa qabeessa taʼeen irra deddeebiʼuunkee kaayyookee kana galmaan gaʼuuf si gargaara.

Dhimma tokkorratti mareen yommuu godhamu yaada ijoo taʼe irra deddeebiʼuun, qabxiin sun sammuu namaa keessaa akka hin banne godha. Caqasa tokko erga dubbistee booda, kutaa caqasichaa keessaa jecha ijoo taʼe filachuudhaan, “Asirratti caqasichi maal akka jedhu qalbeeffatteettaa?” jettee gaafachuudhaan yaada barbaaddu jabeessuu dandeessa.

Xumura maree keessanirrattis yaada buʼa qabeessa taʼe dubbachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, “Maree keenyarraa yaada . . . jedhu akka yaadattu nan abdadha” jechuu dandeessa. Achis gabaabsii yaadasaa irra deebiʼi. Tarii, “Waaqayyo lafa kana jannata gochuuf kaayyoo qaba. Kaayyoonsaa kunimmoo akka raawwatamu hin shakkisiisu” jechuu ykn “Macaafni Qulqulluun guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru dubbata. Badiisa sirna kanarra gaʼurraa ooluu yoo barbaanne, wanta Waaqayyo nurraa barbaadu barachuu qabna” jechuu dandeessa. Yookiinimmoo “Hamma yoonaatti akka ilaalletti, Macaafni Qulqulluun rakkina maatii keessatti uumamu akkamitti hiikuu akka dandeenyu gorsa gaarii nuu kenna” jechuu dandeessa. Yeroo tokko tokko, caqasa Macaafa Qulqulluu keessaa qabxii dhaggeeffattoonni akka yaadatan barbaaddu irra deebitee dubbisuu dandeessa. Kana gochuuf garuu dursitee akka gaariitti qophaaʼuu qabda.

Deddeebii gaaffii yeroo gootuttis taʼe Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiistu, qabxii barbaachisaa taʼe irra deebiʼuuf gaaffiiwwan irra deebiitti fayyadamuu dandeessa.

Namni qayyabsiistu tokko gorsa Macaafa Qulqulluu hubachuu ykn hojiirra oolchuun yoo isa rakkise, waaʼee dhimma sanaa irra deddeebitee isa mariisisuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti yaadasaa karaa garaagaraa ibsuufii yaali. Kaayyoon maree kanaa namni kun waaʼee dhimma sanaa akka irratti yaadu gochuu kan qabu taʼus, baayʼee dheerachuu hin qabu. Yesus bartoonnisaa warra kaanirra akka caalan godhanii of ilaaluurraa akka fagaatan gargaaruuf, irra deddeebiʼee akka isaan barsiise yaadadhu.—Mat. 18:1-6; 20:20-28; Luq. 22:24-27.

Yommuu Haasaa Dhiheessitu. Yommuu haasaa dhiheessitu kaayyoonkee ergaa tokko dabarsuu qofa taʼuu utuu hin taʼin, dhaggeeffattoonni yaadasaa akka hubatan, akka yaadataniifi hojiirra akka oolchan gochuus ni dabalata. Kana galmaan gaʼuuf garuu akka gaariitti irra deddeebiʼuu qabda.

Haataʼu malee, qabxiiwwan ijoo taʼan yeroo baayʼee kan irra deddeebitu yoo taʼe dhaggeeffattoonni si hordofuu dhiisuu dandaʼu. Kanaaf, qabxiiwwan ijoo jabeeffamuu qaban of eeggannoodhaan filadhu. Yeroo baayʼee qabxiiwwan kun qabxiiwwan gurgudda haasaankee irratti hundaaʼanidha; yaadawwan dhaggeeffattootaaf faayidaa guddaa qabanis itti dabaluu dandeessa.

Qabxiiwwan gurguddaa irra deddeebitee dubbachuu barbaaddu seensa keerratti ibsuu dandeessa. Hima gaggabaabaa qabxiiwwan kana balʼinaan ibsan, gaaffiifi fakkeenya gaggabaabaa rakkina furmaata argachuu qabu ibsutti fayyadamuu dandeessa. Qabxiiwwankee warri gurguddaan meeqa akka taʼan caqasuufi lakkoofsaan tarreessuu dandeessa. Achiis, qabxiiwwan kana haasaakee keessatti tokko tokkoon ibsi. Haasaakee keessatti, qabxii guddaa tokko xumurtee gara isa kaaniitti ceʼuukee dura qabxii sana irra deebitee caqasuunkee yaadasaa jabeessuuf si gargaara. Yookiinimmoo, fakkeenya qabxiin guddaan kun dhaggeeffattoota akkamitti akka gargaaru argisiisu dubbachuudhaan jabeessuu dandeessa. Kana malees, qabxiiwwan gurguddaa jabeessuuf, qabxiiwwan kana xumura haasaa keerratti irra deebitee caqasuu, yaadawwan garaagaraa walbira qabdee ibsuu, gaaffiiwwan gaafatteef deebii kennuu ykn furmaata rakkina caqaste tokkoo gabaabaatti irra deebitee ibsuu dandeessa.

Namni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo qabu haala dhaggeeffattoota hundaa xiyyeeffannaadhaan ilaala. Dhaggeeffattoota yaadawwan tokko tokko hubachuuf rakkatan arguunsaa hin oolu. Yaanni sun barbaachisaa yoo taʼe irra deebiʼee caqasa. Haataʼu malee, irra deddeebiʼee jechuma tokko kan dubbatu yoo taʼe qabxii sana ifa gochuun isa rakkisuu dandaʼa. Barsiisaa gaariin akka barbaachisummaasaatti qabxiiwwan dabalataa itti idaʼuudhaan yaadasaa ifa gochuu qaba. Karaa kanaan haala dhaggeeffattootaa tilmaama keessa galchitee kan dubbattu yoo taʼe, akka gaariitti barsiisuudhaan guddina argisiisaa jirta jechuudha.

IRRA DEEBIʼUU KAN QABDU YOOMI?

  • Qabxii barbaachisaa ykn yaada ijoo tokko guutummaatti erga ibsitee booda.

  • Xumura maree ykn xumura haasaa keerratti.

  • Dhaggeeffattoonnikee qabxiiwwan ijoo taʼan tokko tokko hubachuun akka isaan rakkise yommuu hubattu.

  • Guyyoota ykn torban addaddaatiif yommuu deddeebii gaaffii gootuufi Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu.

GILGAALA: (1) Maree nama yeroo jalqabaatiif tajaajilarratti argattee wajjin gootu yommuu xumurtu, yaada irratti mariʼattan keessaa qabxii barbaachisaa namichi akka yaadatu barbaaddu tokko irra deebiʼii dubbadhu. (2) Maree deddeebii gaaffiirratti gootu yommuu xumurtu, qabxii ijoo namichi akka yaadatu barbaaddu tokko ykn lama irra deebiʼi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi