LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 39 ful. 220-ful. 222 key. 6
  • Xumura Gaarii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xumura Gaarii
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada Xumuraa Buʼa Qabeessa
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Qabxiiwwan Guguddaa Adda Baasuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Toorii Qopheessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Yaada Seensaa Fedhii Kakaasu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 39 ful. 220-ful. 222 key. 6

Qayyabannaa 39

Xumura Gaarii

Maal gochuu qabda?

Xumura haasaa keerratti, hima dhaggeeffattoonni barumsa dhagaʼanirratti hundaaʼanii tarkaanfii akka fudhatan kakaasu dubbadhu.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Yeroo baayʼee yaanni xumura haasaa tokkorratti dubbatamu dafee hin irraanfatamu. Yaanni akkasii guutummaan haasaa tokkoo buʼa qabeessa akka taʼu gochuurratti gaʼee guddaa qaba.

QABXIIWWAN haasaa keetiif taʼan filachuuf of eeggannoodhaan qorannoo gootee akka gaariitti qindeessiteetta taʼa. Yaada seensaa dhaggeeffattoonni hawwiidhaan akka dhaggeeffatan godhus qopheessiteetta taʼa. Taʼus, ammayyuu wanti si hafu tokko jira; innis yaada xumuraa gaarii qophaaʼuudha. Barbaachisummaa wanta kanaa akka laayyootti hin ilaalin. Yeroo baayʼee wanti xumurarratti dubbattu dafee hin irraanfatamu. Yaanni xumuraa gaarii taʼuu baannaan, haasicharraa buʼaa guddaan utuu hin argamin hafuu dandaʼa.

Fakkeenya tokko haa ilaallu: Iyaasuun yeroo duʼuu jala gaʼetti jaarsolii Israaʼeliif haasaa hin irraanfatamne dhiheessee ture. Wanta Yihowaan bara Abrahaamii jalqabee saba Israaʼeliif godhe erga ibsee booda, haasaasaa yaadawwan ijoo irra deebiʼuudhaan qofa xumuree? Akkasitti hin xumurre. Kanaa mannaa, “Waaqayyoon sodaadhaa, amanamummaa guutuudhaanis isaaf hojjedhaa!” jedhee sabichaaf gorsa cimaa kenneera. Iyaasuu 24:14, 15 baasiitii yaada xumuraa inni itti fayyadame dubbisi.

Fakkeenyi garabiraanimmoo, seenaa Hojii Ergamootaa 2:14-36⁠rratti argamuufi haasaa dinqisiisaa Phexros Dh.K.B. bara 33 guyyaa Ayyaana Phenxeqostee namoota Yerusaalemitti walitti qabamaniif kennedha. Jalqabarratti, Waaqayyo hafuurasaa akka dhangalaasu raajiin karaa Yoʼel dubbatame yommuu raawwatamu arguusaanii ibseera. Sana booda wanti kun raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee dubbataman jechuunis, Yesus Kiristos duʼaa akka kaʼuufi ulfinaan mirga Waaqayyoo akka taaʼu macaafa Faarfannaa keessatti caqasamanii wajjin walitti dhufeenya akka qabu ibseera. Achiis haasaasaa yommuu xumuru, “Egaa Waaqayyo, Yesus isa isin muka irratti fanniftan kana gooftaadhaa fi Masiihii akka godhe, Israaʼeloonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan!” jechuudhaan wanta namoonni sun hundi amananii fudhachuu qaban tokko ibseera. Yeroo kanatti namoonni sun, “Yaa obboloota nana, maal goonu ree?” jedhanii yommuu isaan gaafatan, Phexrosis deebisee, “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa” jedheen. (HoE. 2:37, 38) Guyyaa sanatti namoonni 3,000 taʼan wanta dhagaʼanitti garaansaanii waan tuqameef, dhugaa Yesus Kiristosiin ilaalchisee dubbatame fudhataniiru.

Qabxiiwwan Yaadatti Qabachuu Qabdu. Yaanni xumurarratti dubbattu, ijoo haasaakee wajjin walitti dhufeenya kan qabu taʼuu qaba. Qabxiiwwan gurguddaan ibsaa turte xumuramuusaanii kan argisiisu taʼuu qaba. Xumura keerratti jechoota furtuu yaada ijoo haasaa keerratti argaman tokko tokko itti dabaluus taʼe, yaada ijoo sana kallattiidhaan caqasuu dandeessa.

Haasaa yommuu dhiheessitu kaayyoonkee, namoonni haasicha dhaggeeffatanii tarkaanfii akka fudhatan jajjabeessuu akka taʼe beekamaadha. Kaayyoon yaada xumuraa inni guddaan, dhaggeeffattoonni tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qaban hubachiisuudha. Ijoo barumsichaafi qabxiiwwan gurguddaa yommuu filattu, barumsichi dhaggeeffattootaaf faayidaa akkamii akka qabuufi kaayyoo haasicha itti dhiheessitu akka gaariitti irratti yaaddeettaa? Kana gooteetta taanaan, tarkaanfii dhaggeeffattoonni akka fudhatan barbaaddu hubatteetta jechuudha. Kana booda, tarkaanfiin fudhachuu qaban sun maal akka taʼeefi akkamitti tarkaanfii kana fudhachuu akka dandaʼan ibsuun si barbaachisa.

Yaanni xumurarratti dubbattu, dhaggeeffattoonni maal gochuu akka qaban kan ibsu qofa utuu hin taʼin, hojiidhaaf kan isaan kakaasu taʼuu qaba. Sababii tarkaanfii fudhachuu itti qabaniifi kana gochuunsaanii eebba akkamii akka isaaniif argamsiisu kan ibsu taʼuu qaba. Yaanni xumuraa akka gaariitti kan irratti yaadameefi jechoota filatamaniin kan qindaaʼe yoo taʼe, haasaankee faayidaa guddaa qabaata.

Haasaakee xumuraa akka jirtu hin dagatin. Wanti dubbattuufi saffisni ittiin dubbattu kana kan argisiisu taʼuu qaba. Haasaakee yommuu xumuruu jala geessu saffisaan dubbachaa turtee, dingata hin xumurin. Sagaleenkee dadhabaa adeemuu ykn baayʼee guddachuus taʼe xinnaachuu hin qabu. Himawwan xumurarratti dubbattu muraasni, haasaankee xumuramaa akka jiru kan argisiisan taʼuu qabu. Himawwan kanas garaa guutuufi akka itti amantu karaa argisiisuun dubbachuu qabda. Haasaakee akkamitti akka dhiheessitu yommuu shaakaltu, yaada xumurarratti dubbattus shaakaluu akka qabdu hin dagatin.

Yaanni xumuraa hangam dheerachuu qaba? Kun yeroorratti qofa kan hundaaʼe miti. Yaanni xumuraa baayʼee dheerachuu hin qabu. Hangam dheerachuu akka qabu kan murteessu, faayidaa yaanni xumuraa sun dhaggeeffattootaaf argamsiisuudha. Yeroo baayʼee yaanni xumuraa, salphaa, kallattiidhaan kan dhihaateefi kan nama jajjabeessu taʼuunsaa filatamaadha. Akka gaariitti itti yaadamee kan qophaaʼe yoo taʼe, yaanni xumuraa dheeraan fakkeenya gabaabaa qabates gaarii taʼuu dandaʼa. Yaada xumuraa gabaabaa, guutummaa macaafa Lallabaa isa Lallaba 12:13, 14⁠rratti ibsameefi yaada xumuraa dheeraa seenaa gabaabaa Lallaba Gaararraa isa Maatewos 7:24-27⁠rratti ibsame walbira qabii ilaali.

Tajaajilarratti. Yeroo baayʼee tajaajilarratti yaanni xumuraa caalaatti si barbaachisa. Qophii gaarii kan gootuufi namootaaf garaadhaa kan yaaddu yoo taʼe, buʼaa gaarii argachuu dandeessa. Gorsa mataduree kana keessatti argamu maree nama tokkoo wajjin gooturrattis itti fayyadamuu dandeessa.

Mareen nama tokkoo wajjin gootu baayʼee gabaabaa taʼuu dandaʼa. Namichi hojiitti waan qabameef, mareen keessan daqiiqaa tokkorra kan hin caalle taʼuu dandaʼa. Barbaachisaa yoo taʼe akkas jechuu dandeessa: “Hojiitti akka muddamte argeera. Haataʼu malee, yaada nama jajjabeessu tokko utuun sitti himee natti tola. Macaafni Qulqulluun, Uumaan keenya gara fuulduraatti namoonni lafa kanarra barabaraaf gammachuudhaan akka jiraatan gochuuf kaayyoo dinqisiisaa akka qabu ibsa. Nuyis Jannata kana keessa jiraachuu dandeenya; haataʼu malee jalqaba Waaqayyo maal akka nurraa barbaadu barachuu qabna.” Yookiin, yeroo caalaatti isaaf mijaaʼutti deebitee akka dhaqxu itti himuu dandeessa.

Namichi si dhaggeeffachuu kan hin barbaanneefi karaa ulfina qabuun kan si hin haasofsiisne waan taʼeef marichi addaan citullee, wanti dubbattu buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Gorsa Maatewos 10:12, 13⁠fi Roomaa 12:17, 18⁠rratti argamu yaadadhu. Arraba laafaadhaan deebii kennuunkee, ilaalcha Dhugaa Baatota Yihowaatiif qabu akka jijjiiru isa gochuu dandaʼa. Kunis buʼaa tokkodha.

Karaa garabiraammoo, namichaa wajjin maree nama gammachiisu gooteetta taʼa. Taanaan, yaada ijoo akka inni yaadatu barbaaddu maaliif irra hin deebituuf? Karaa tarkaanfii akka fudhatu isa kakaasuun dubbadhu.

Carraan itti lammata waliin mariʼattan yoo jiraate, gaaffii beellama keessan hawwiidhaan akka eeggatu isa godhu gaafadhu. Tarii, kitaaba Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamurraa ykn barreeffama Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf qophaaʼerratti argamurraa gaaffii tokko isa gaafachuu dandeessa. Akkuma Yesus Maatewos 28:19, 20⁠rratti dubbate, kaayyoonkee namoota bartoota gochuu akka taʼe hin dagatin.

Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa kan jirtu yoo taʼe, boqonnaa qayyabsiisaa jirtu xumuruu jala geesseettaa? Yaada ijoo matadurichaa irra deebiʼuunkee, baratichi wanta irratti mariʼattan akka yaadatu isa gargaara. Utuu hin ariifatin gaaffii irra deebiirratti mariʼachuun keessan, baratichi qabxiiwwan ijoo akka yaadatu isa gargaara. Wanti inni barate akkamitti akka isa fayyadu ykn akkamitti namootatti himuu akka dandaʼu isa gaafachuunkee, faayidaa barumsichaarratti akka yaadu isa gargaaruu dandaʼa.—Fak. 4:7.

Yaanni xumurarratti dubbattu, haasaankee faayidaa kan qabu akka taʼu gochuurratti gaʼee guddaa akka qabu hin dagatin.

KANA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Yaanni xumurarratti dubbattu, qabxiiwwan ibsaa turtee wajjin kan walsimu taʼuu qaba.

  • Dhaggeeffattoonni wanta dhagaʼanirratti hundaaʼanii tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qaban ibsiif.

  • Yaanni xumurarratti dubbattus taʼe akkaataan itti dubbattu dhaggeeffattoota hojiidhaaf kan kakaasu taʼuu qaba.

GILGAALA: Yaada xumuraa tajaajilarratti itti fayyadamtu lama shaakali: (1) nama si dhaggeeffachuu hin barbaanneefi yeroo hin qabne yommuu si mudatu maal akka jettuufi (2) gaaffii beellama ittaanutti irratti mariʼattan qophaaʼi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi