Barruulee Raabsuudhaaf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenyaa?
MASARAA EEGUMSAA Ama. 1
“Nammoonni warra jaallatan du’aan yeroo dhaban ykn yeroo dhukkubaan rakkatan, ‘Waaqayyo kana maaliif callisee ilaalaa?’ jedhanii gaafatu. Atis gaaffii akkanaa gaafatta ta’a. Waaqayyo namoota dhiphataniif akka yaadu Macaafni qulqulluun ni ibsa. [Isaayaas 63:9a dubbisiif.] Barruuleen kun Waaqayyo dhiphina hunda akka hambisu maaliif akka amanuu dandeenyu ibsa.”
Dammaqaa! Ama. 2003
“Mootummaan mirga dubbachuu gidduu galuu qaba jettee yaaddaa? [Hanga inni deebii kennutti eegiitii, Hojii Ergamootaa 28:30, 31 dubbisiif.] Akka caqasa kana irraa hubannutti, mirgi dubbachuu kun warra kaanii wajjin waa’ee amantii haasa’uus waan dabalatu sitti hin fakkaatuu? Dhihoo kanatti gaaffiin kun Mana Murtii Ol Aanaa U.S. tti dhihaatee ture. Kana ilaalchisee yaada barruulee Dammaqaa! kana keessatti kenname akka dubbstuu afeeramteetta.”
MASARAA EEGUMSAA Ama. 15
“Yeroo ammaatti dhiiga walii dhangalaasuun baay’achuu isaa yeroo argitu, hammeenyi gaarummaa mo’eera jettee yaaddaa? [Hanga inni deebii kennutti eegi.] Macaafni qulqulluun waa’ee Waaqayyoo maal akka jedhu hubadhu. [Faarfannaa 83:18b dubbisiif.] Waaqayyoo guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundaa olii ta’ee utuu jiruu hammeenyi ni mo’a jettee yaaddaa? [Hanga inni deebii kennutti eegi.] Masaraan Eegumsaa kun gaaffii kanaaf deebii quubsaa ta’e kenna.”
Awake! Ama. 22
“Akka yeroo ammaatti nageenyi keenya balaarra bu’ee hin beeku. Hunda caalaatti kan namoota yaaddessu hattummaan iccitii dhuunfaa baay’achaa dhufuu isaati. Kana dhageessee beektaa? [Hanga inni deebii kennutti eegi.] Lafti kun haalawwan nagaa nu dhowwatan irraa yeroon itti qulqullooftu akka dhufu Macaafni qulqulluun abdii kenna. [Isaayaas 11:9 dubbisiif.] Barruuleen kun abdiin kun akkamitti raawwii akka argatu ni ibsa.”