Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Sad. 1
“Utuu namoonni caalaatti amala gad of qabuu argisiisanii biyyi lafaa bakka gaarii waan taatu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Amala kana ilaalchisee wanta Yesus dubbate hubadhu. [Maatewos 23:12 dubbisiif.] Matadureen kun, biyya lafaa walmorkiidhaan guutame kana keessattillee, bu’aa amalli gad of qabuu argamsiisu ibsa.”
Dammaqaa! Sad.
“Yeroo ammmaa saayinsiitti amanuufi Waaqayyoo hin jiru jechuun beekamaa waan ta’eef, namoonni baay’een Macaafni Qulqulluun boodatti hafaadha jedhanii yaadu. Ati waa’ee kanaa maaltu sitti dhaga’ama. [Hanga deebi kennutti eegi.] Saayinsii ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun dubbatu hundi sirrii ta’uusaa beektaa? [Iyoob 26:7 dubbisiif.] Dammaqaan! maxxansi addaa kun, Macaafni Qulqulluun maaliif amanamuu akka qabu sababii quubsaa nuu kenna.”
MASARAA EEGUMSAA Sad. 15
“Hundi keenya jireenya gammachiisaafi kaayyoo qabu jiraachuu barbaanna. Wanta gammachuu argachuuf barbaachisaa ta’e ilaalchisee yaada Yesus asirraatti dubbatee wajjin walii galtaa? [Maatewos 5:3 dubbisiif. Achiis hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, fedhii waaqeffannaa nu keessatti uumame guuttachuun keenya jireenya keenya akkamitti kaayyoo qabeessa akka godhu ibsa.”
Dammaqaa! Mud.
“Namoonni tokko tokko duuti riqicha jireenya du’a booda jirutti dabarsudha kan jedhan yommuu ta’u, waari kaanimmoo dhuma waan hundumaati jedhu. Ati duuti kan sodaatamudha jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Iyoob abdii du’a booda qabu maaltu akka itti dhaga’ame hubadhu. [Iyoob 14:14, 15 dubbisiif.] Barruun kun yommuu duunu maal akka taanu wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ibsa.”