Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Onk. 1
Gaaffiiwwan qolasaarra jiran dubbisi. Achiis akkas jedhii gaafadhu: “Gaaffiin kun mallattoo isa kam akka argisiisu beektaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Maatewos 24:3 dubbisiif.] Masaraan Eegumsaa kun, bifawwan gurguddaa mallattoo kanaa shan ibsa; akkasumas mallattoo kana hubachuun maaliif akka nu barbaachisu dubbata.” Sanduuqa fuula 6rra jiru itti argisiisi.
Dammaqaa! Onk. 2005
“Yeroo har’aa hojii argachuuf walmorkii guddaan waan jiruuf, hojii dhabuun rakkoo guddaa ta’eera. Barruun kun, karaawwan hojii argachuun itti danda’amu shan ibsa. [Mataduree “Karaawwan Hojii Argachuun Itti Danda’amu Shanan” jedhu jalatti, matadureewwan xixinnoo qubee fufurdaadhaan barreeffaman ibsiif.] Kana malees, hojii argannetti itti fufuun akkamitti akka danda’amu gorsa ni kenna.” Fakkeenya 22:29, isa fuula 10rratti caqasame dubbisiif.
MASARAA EEGUMSAA Onk. 15
“Namoonni baay’een, barumsi jireenya mijaa’aa jiraachuuf furtuudha jedhu. Barumsi namni tokko nama gaarii akka ta’uufi rakkoowwan isa mudatan hiikuuf isa gargaaru jira jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii Roomaa 12:2 dubbisiif.] Barruun kun, barumsa hundumaa caalurraa akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu addeessa.”