Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Sad. 1
“Yeroo ammaatti ijoollee guddisuu ilaalchisee yaada adda addaatu kennama. Warri gorsa yoomiyyuu hin jijjiiramne argachuu danda’u jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Faarfannaa 32:8 dubbisiif.] Barruun kun ijoollee guddisuu ilaalchisee qajeelfama Macaafa Qulqulluu hojiirra ooluu danda’u kenna.”
Dammaqaa! Sad. 2006
“Warri tokko tokko wanta namootarra ga’u hundumaaf kan itti gaafatamu Waaqayyodha jedhanii yaadu. Rakkoon nama gaddisiisu yeroo ga’utti, inni waan kana godheef qaba jedhu. Atoo maal jettee yaada? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yaaqoob 1:13 dubbisiif.] Barruun kun wanta rakkoo kanaaf sababii ta’eefi Waaqayyo kana balleessuuf maal gochaa akka jiru ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Sad. 15
“Malaammaltummaan biyya lafaarratti babal’atee waan jiruuf, namoonni baay’een ‘Wanta gaarii hojjechuuf maaltu na rakkise’ jedhu. Atoo akkas sitti dhaga’amee beekaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Jechoota nama jajjabeessan kana ilaali. [Fakkeenya 2:21, 22 dubbisiif.] Barruun kun sababiin qajeeloo ta’uun itti nu barbaachisu inni guddaan maal akka ta’e ibsa.”
Dammaqaa! Mud. 2006
“Namni namoota hanga har’aatti jiraatan hunda caalu eenyudha jettee yaada? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baay’een Yesusidha jedhu. Inni yeroo Bulchaa Mootummaa Waaqayyoo ta’utti lafa kanaaf maal akka godhu ilaali. [Fakkii ful. 8-9rra jiru itti argisiisiitii, caqasawwan qubee fufurdaadhaan barreeffaman keessaa tokko dubbisiif.] Barruun kun Yesus kana kan raawwatu yoomiifi akkamitti akka ta’e ibsa.”