Sagantaa Haaraa Guyyaa Walga’ii Addaa
Yeroo har’aa gammadoo ta’uufi umurii dheeraa jiraachuuf, fayyaa qaama keenyaa eeguuf kan nu dandeessisu odeeffannoo heeduu dhageenya. Haata’u malee garuu fayyaa karaa hafuuraa eeguun keenya caalaatti barbaachisaadha. Kanaaf guyyaan walga’ii addaa jalqaba 2004tti eegalu kan “Garaa Guutuudhaan Yihowaaf hojechuu” jedhu akkam kan kanaan walsimudha! (1 Sen. 28:9) Walga’ii kanarraa maal baranna?
Ilaaltuun oolaanaa aanaa barumsa, “Warri Kaan Gammachuudhaan Akka Yihowaa Tajaajilan Gargaaruu” jedhu kenna. Gaaffiwwan afaanii fedhii warra Yihowaa tajaajiluu barbaadanii kakaasuufi qayyabannaa Macaafa qulqulluu geggeessuun bu’aa argamsiisurratti kan xiyyeeffatudha. Kan walga’icharratti argaman hundi barumsa jalqabaa ilaaltuun oolaanaa mata dure “Adunyaa jeeqamaa keessatti yaada ofii eeguu” jedhuun dhihaatuun akka jajjabaatan beekamaadha. Sagantaan ganamaa haasawaa cuuphaatiin xumurama.
Sa’aa booda, kutaan “Harka Gargaarsaa Bal’isuu” jedhu warra kaan akkamitti gargaaru akka dandeenyu nu hubachiisa. Warri ijoollee, yaada ijoolleesaanii dhiibbaa dogoggora ta’erraa eeguufi Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruu kan danda’an akkamitti? Kutaan “Ijoolleen Keessan Yihowaatti Akka Gammadan Gargaaraa” jedhu irratti yaada hojiirra ooluu danda’utu dhihaata; kana gochuun akkamitti akka danda’amu hojiin argisiisaan dhihaata.
Karaa hafuuraa fayyaa keenya eeguufi nujajjabeessuuf qophii Yihowaan godhu hundarraa fayyadamuuf carraa hundatti gargaaramaa jirraa? Haasaan xumuraa ilaaltuun olaanaa kennu “Tajaajila Yihowaarratti Garaa Guutuudhaan Hojjechuuf Carraaqaa” kan jedhu yoo ta’u, karaa hafuuraa jabaannee jiraachuuf kan nu gargaaran haalawwan afur irratti kan xiyyeeffatu ta’a. Kadhannaa onneerraa madde dhiheessuuf, Sagalee Waaqayyoo qayyabachuf, hinaaffaadhaan lallabuuf akkasumas Kristiyaanota kaanii wajjin yeroo dabarsuuf sa’aatii hammam ramadna? Wanti foyyessuu dandeenyu jiraa?
Yihowaan akkana jechuudhaan nu affeera: “Gorsicha garaa keetti, dubbii beekumsaas gurra keetti galfadhu!” (Fak. 23:12) Guyyaa nama kiisuufi qajeelfama adda ta’e itti argannu kanarratti argamuuf ammuma karoora baafadhu. Kana gochuun kee garaa guutuufi gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu kee akka itti fuftu si gargaara.