Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenyaa?
MASARAA EEGUMSAA Adool. 1
“Wantoota bu’uuraa baay’ee nubarbaachisan keessaa inni tokko jaallachuufi jaallatamuudha. [Ibsa fakkii fuula 4 irratti argamuu dubbisiif.] Haata’u malee, hawaasni yeroo har’aa jiru dursa kan laatu wantoota kaaniif ta’uusaa hubatteettaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun jaalalli dhugaa maal akka ta’eefi kanas akkamitti guddisuu akka danda’amu ibsa.” 1 Qorontos 13:2 dubbisiif.
Dammaqaa! Adool. 2003
“Baay’een keenya nama dhukkubni shukkaaraa qabe ni beekna. Haata’u malee waa’ee dhukkuba kanaa hammam beektaa? [Fakkii qola barruu kanaa itti argisiisiitii, hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun sababiifi yaalii dhukkuba shukkaaraarratti yaada qorannoodhaan bira gahame ibsa. Akkasumas dhukkubni hundinuu akka badu abdii Macaafni qulqulluun kenne ibsa.” Isaayaas 33:24 dubbisiif.
MASARAA EEGUMSAA Adool. 15
“Namoonni hedduun warra kaanirraa of fageessanii jiraachuuf fedhiin qaban dabalaa dhufeera. Kun sirrii sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Hiriyyummaa ilaalchisee gorsa ogummaarratti hundaa’e kana hubadhu. [Lallaba 4:9,10 dubbisiif.] Barruun kun michuun maaliif akka nubarbaachisuufi amala of fageessuu dhiisuu akkamitti akka danda’amu ibsa.”
July 22
“Fakkiiwwan walqunnamtii saalaa mul’isan babal’achaa dhufuunsaanii namoota baay’ee ni yaaddessa. Kun wanta nama yaaddessuu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Gorsi hojiirra ooluu danda’uufi Macaafa qulqulluurratti argamu kanarraa nu eeguu danda’a. [Efesoon 5:3, 4 dubbisiif.] Barruun kun balaa suuta suutaan gara badiitti nugeessu kanarraa akkamitti akka of eeguu dandeenyu ibsa.”