Saanduuqa Gaaffii
◼ Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu maatii, gabaasamuu qabaa?
Warri, iddoo mucaan hin cuuphamne jirutti qayyabannaa maatii Macaafa Qulqulluu kan geggeessan yoo ta’e, yoo baay’ate torbanitti sa’aatii tokkoofi deddeebii gaaffii tokko, akkasumas ji’atti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu tokko gabaasu. Kun kan ta’u, qayyabannaan sun torbanitti sa’aatii tokko caalaa fudhatus, al tokko caalaa yoo geggeeffames akkasumas ijoolleen hundi kopha kophaatti yoo qayyabatanisi.—Kitaaba Tajaajila Keenya jedhamu, ful. 104 ilaali.
Kan maatii keessatti argaman hundi Dhugaa Baatota cuuphaman yoo ta’an, sa’aatiin qayyabannaatis ta’u qayyabannichi mataansaa akka gabaasa tajaajilaatti hin deebi’u. (Kan gabaafamu mucichi erga cuuphamee boodas kitaaba lammaffaa kan qayyabatu yoo ta’e qofa.) Kun kan ta’e, gabaasni tajaajila dirree, misraachoo lallabuufi namoota ofmurteessanii cuuphamuudhaan tajaajiltoota Yihowaa hin taane Macaafa Qulqulluu barsiisuudhaan wanta raawwatamerratti kan xiyyeeffatu waan ta’eefi. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Haata’u malee kana jechuun, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkanaa kana yeroo hunda geggeessuun iddoo guddaan hin qabu jechuu miti.
Warri Kristiyaana ta’an ijoolleesaanii qayyabsiisuun ittigaafatamummaa isaaniiti. Warri qayyabannaa maatii jalqabuu ykn fooyyessuu barbaadan, gargaarsa argachuuf jaarsolii gumii gaafachuu danda’u. Mucaa maatii Kristiyaanaa hin cuuphamne tokko, babal’isaan biraa yoo qayyabsiise kan wayyu taanaan, sassaabaa ilaaltuu olaanaa ykn ilaaltuu tajaajilaa wajjin mari’achuun barbaachisaadha. Yoo kun fudhatama qabaate, gabaasnisaa akkuma gabaasa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kaanii gabaasama.
Ijoollee karaa Yihowaatiin leenjesuun, gabaasa tajaajila dirreerratti deebisnu caalaa yeroofi carraaqqii gaafata. (Kes. 6:6-9; Fak. 22:6) Warri ijoolleesaanii “adabbii fi barsiisa gooftaatiin” guddisuudhaan itti gaafatamummaa guddaa waan raawwataniif galateeffamuu qabu.—Efe. 6:4.