Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Mud. 1
“Yeroo har’aatti, namoonni tokko tokko Waaqayyorratti amantii dhabaa jiru. Kanaafis sababiinsaanii inni tokko, gaaffiiwwan dalga namatti ta’an kanaa gaditti argamaniif deebii quubsaa dhabuusaaniiti. [Yaada saanduqa fuula 6rratti argamurraa fakkeenya tokko caqasi.] Masaraan Eegumsaa kun, sababii gaarii Waaqayyotti amanuuf dandeessisu dhiheessa.” Filiphisiiyus 1:9 dubbisi.
Dammaqaa! Mud. 2003
“Yeroo har’aatti faashiniin jireenya namoota hedduurratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira. Namoonni tokko tokko, akkaataa uffannaafi bifa namootaarratti xiyyeeffannaa guddaan godhameera jedhu. Atoo waa’ee kanaa maaltu sitti dhaga’amaa? [hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun waa’ee faashinii ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. Qolosaayis 3: 12 dubbisi.
MASARAA EEGUMSAA Mud. 15
“Namoonni baay’een, wanti baay’ee barbaachisaa ta’e jireenya maatii keenyaa gammachiisaa gochuudha yaada jedhuu wajjin walii galu. Maatii Yesus ilaalchisee yaadni Macaafa Qulquluurratti ibsame fakkeenya gaarii hordofuu qabnudha. Yesus maatii akkamii keessatti guddate jette yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii Luqaas 2:51, 52 dubbisiif.] Masaraan Eegumsaa kun, akkaataa guddina Yesus ilaalchisee ibsa Macaafa Qulqulluurratti galmaa’eefi hojiirra ooluu danda’urraa barumsa argachuu dandeenyu ibsa.
Dec. 22
“Hundi keenya ijoolleen keenya jireenya gammachuufi tasgabbii qabu akka jiraatan hawwina. Ijoolleen dhiphina addunyaarratti babal’achaa jiru mo’uuf wanti caalaatti isaan barbaachisu maalidha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegiitii Fakkeenya 22:6 dubbisiif.] Barruun Dammaqaa! kun, wanti ijoollee barbaachisu maal akka ta’eefi maatiiwwanis akkamitti kana gochuu akka danda’an ibsa.”