Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ama. 1
“Milkaa’inni nama tokkoo baay’ina qabeenyasaarratti hundaa’a jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii 1 Ximotewos 6:9, 10 dubbisiif.] Macaafni Qulqulluun qabeenya kan hin balaaleffanne ta’uyyuu, milkaa’inni dhugaan isarratti kan hundaa’e akka hin taane ibsa. Barruun kun yaada kanarratti ibsa kenna.”
Dammaqaa! Ama. 2007
“Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan baay’een barumsawwan Yesus hojiirra akka hin oolchine hubatteettaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Fakkeenyaaf, baay’eensaanii wanta Yesus Yohannis 13:35rratti dubbate hojiirra hin oolchan. [Caqasicha dubbisiif.] Barruun kun, garaa garummaa wanta Yesus barsiiseefi ilaalcha namoota Kiristiyaana ofiin jedhan gidduu jiru argisiisa.” Mataduree ful. 18rra jiru itti argisiisi.
MASARAA EEGUMSAA Ama. 15
“Hiriyoonni gaa’elaa gorsa amansiisaa ta’e eessaa argachuu kan danda’an sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Gaa’ela kan hundeesse eenyu akka ta’e hubadhu. [Uumama 2:22 dubbisiif.] Waaqayyo gahee abbaa manaafi haadha manaa ilaalchisees qajeelfama kenneera. Barruun kun kanarratti ibsa kenna.”
Dammaqaa! Gur. 2007
“Biyyoota tokko tokkotti ilaalchi namoonni amantiidhaaf qaban kan jijjiirame fakkaata. Dhiibbaan manneen sagadaa namootarratti geessisan hir’achaa kan jiru sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Jechoonni Phaawulos ergamaan dubbate kun, namoonni baay’een amantiirratti amanannaa kan dhaban maaliif akka ta’e ibsa. [Hojii Ergamootaa 20:29, 30 dubbisiif.] Barruun kun haala Kiristiyaanummaa isa gara fuulduraa ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu ibsa.”