Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenyaa?
MASARAA EEGUMSAA Bit. 1
“Ilaalcha namoonni caqasa kanaaf qaban gaafachaa jirra. [Maatewos 5:10 dubbisiif.] Namni tokko utuu ari’atamuu gammadaa kan ta’u akkamittii? [Hanga deebii kennutti eegi.] Mata-dureen lamaan jalqaba barruulee kanaa irratti argaman, waa’ee namoota utuma ari’atamanii gammadoo ta’anii jiraatanii dubbata. Namoonni kun akkamitti gammadoo ta’uu akka danda’an beekuuf barruu kana akka dubbistu si afeerra.”
Dammaqaa! Bit. 2003
“Barruuleen Dammaqaa! kun, gocha dhugumaan nama gaddisiisu—halalummaa ijoollee yeroo keenyaa gabaasa. Gochi halalummaa ijoollee nama ciiggaasisu kun, yeroo dhihootti akka badu Macaafni qulqulluun abdii kenna. [Fakkeenya 2:21, 22 dubbisiif.] Barruun kun, wanti ijoollee jireenya jibbisiisaa kanatti geessu maal akka ta’eefi fuul-durattis akkamitti akka hafu ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Bit. 15
“Barumsi Yesus barsiise yeroo keenyatti hojii irra ooluu danda’a jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Ajaja Yesus dhuma jireenya isaa isa lafarraatti kenne wajjin akka walii galtu hin shakkisiisu. [Yohannis 15:12 dubbisiif.] Yesus guyyaa sanatti barumsa barbaachisaa ta’e gara biraas barsiiseera. Barruuleen Masaraa Eegumsaa kun barumsa kana irraa akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ibsa.”
Dammaqaa Mar. 8
“Jireenyi keenya rakkoo adda addaatiin guutamu iyyuu, akka Waaqayyoon galateeffannu sababiiwwan nu godhan jiru utuu jedhame walii hin galtuu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Sababiiwwan itti galateeffannu keessaa inni tokko akkaataa uumama keenyaati [Faarfannaa 139:14 dubbisiif.] Barruun Dammaqaa! Kun qaamawwan miiraa jireenya dinqisiifachuuf nu gargaaran qabaachuu keenyaan galateefachuu akka qabnu ibsa.”