“Isin Warri Isaaf Of Kennitan Hundinuu Waaqayyoon Jaalladhaa!”
Ayyaanni Yaadannoo Du’a Kristos Ebla 4 Kabajama
1 Waggoota hedduu dura, yeroo Yukreeyin bittaa Komuniistii jala turtetti, warri aangoo qaban—keessumaa, yeroo guyyaan ayyaanni Yaadannoo ga’u, bakka itti wal ga’an ni arganna jedhanii abdachuudhaan obboloota hordofu turan. Namoonni aangoo qaban kun guyyaa ayyaanni kun itti kabajamu tilmaamaan waan beekaniif, ayyaana kana kabajuun baay’ee rakkisaa ture. Obboloonni keenya maal gochuu danda’aniiru laata? Manni obboleettii tokkoo inni lafa jalaa lolaadhaan guutamee ture. Namoonni aangoo qaban kun, achi keessatti namoonni walitti qabamuu danda’u jedhanii waan hin yaadneef, obboloonni, bishaan jilba bira nama ga’urraa, ol kaasanii saanqaadhaan iddoo irratti walga’an ijaaruu danda’aniiru. Koornisii gabaabaa jala quphananii kan taa’an yoo ta’es, namni tokkoyyuu waan isaan hin jeeqneef, guutummaan gumichaa ayyaanicha gammachuudhaan kabajuu danda’eera.
2 Obboloonni Yukreeyin ayyaana Yaadannoo du’a Kristos kabajuu ilaalchisee ajaja kenname fudhachuuf murteessuunsaanii, jaalala Waaqayyoof qaban kan argisiisudha. (Luq. 22:19; 1 Yoh. 5:3) Nuyis jireenya keenya keessatti gufuun yeroo numudatu hundaa, fakkeenya akkasii kana hordofuudhaan Irbaata Gooftaa Ebla 4 kabajamurratti argamuuf haamurteessinu. Akkas gochuudhaan, ilaalcha akka faarfaticha “Isin warri isaaf of kennitan hundinuu Waaqayyoon jaalladhaa!” jedhee qabaachuu keenya argisiisna.—Far. 31:23.
3 Warri Kaan Jaalala Waaqayyoof Qaban Akka Guddifatan Gargaaraa: Jaalalli Waaqayyoof qabnu, warri kaanis ayyaanicha nuu wajjin akka kabajan afeeruuf nukakaasa. Miiltoon Tajaajila Mootummaa Guraandhalaa, namoota ayyaanicharratti afeeruuf yaadne hundumaa akka galmeessinu nujajjabeesseera. Namoota galmeessite hundumaa afeeruudhaan dammaqinaan gorsa kana hordofaa jirtaa? Faayidaan ayyaanichaa maal akka ta’e isaaniif ibsuuf yeroo ramadi. Guyyaasaafi sa’aatiisaa gaarummaadhaan isaan yaadachiisuufi yoo barbaachisaa ta’emmoo, akka isaan geggeessitu itti himuun kee akka dhufan isaan kakaasuu danda’a.
4 Namoota afeeramanii gara ayyaanichaa dhufan nagaa gaafachuufi dhufuusaaniitiin gammaduu kee ibsuuf carraaqqii godhi. Jaalala Yihowaadhaaf qaban akka guddisan gargaaruu kan dandeessu akkamitti? Gaaffiisaaniitiif deebii kennuuf of qopheessi. Haallisaa kan mijaa’e yoo ta’e, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqaban afeeri. Walga’iiwwan torbaniirratti akka argamanis jajjabeessi. Keessumaammoo jaarsoliin, Kristiyaanota ayyaanicharratti argaman keessaa warra tajaajila dhaabaniif xiyyeeffannaa kennu. Namoota akkasii kana daawwachuuf sagantaa qabachuudhaan walitti dhufeenya gumii wajjin qaban akka itti fufan jajjabeessuu danda’u. Tarii kana gochuuf, haasawaa ayyaanicharratti kenname keessaa yaada isaan jajjabeessutti gargaaramuu danda’u.—Rom. 5:6-8.
5 Jaalala Yihowaadhaaf Qabnu Cimsuu: Furii nuuf dhihaaterratti xiinxaluun keenya jaalala Yihowaafi Ilmasaatiif qabnu nuuf cimsuu danda’a. (2 Qor. 5:14, 15) Dhugaa Baatuun waggoota dheeraadhaaf ayyaana Yaadannoorratti argamte tokko, akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Ayyaana Yaadannoo kana hawwiidhaan eegganna. Waggaa waggaatti ayyaana addaa ta’ee nutti mul’ata. Waggaa 20 dura mana reenfi abbaa kootii ta’ee keessatti, gara reenfa abbaa kootii ilaalaa utuun jiruu, furii nuuf dhihaateef dinqisiifannaan garaadhaa madde yeroo natti dhaga’amu nan yaadadha. Sanaan dura garuu anaaf waa’een furichaa beekumsa sammuu qofa ture. Caqasawwan hundumaafi akkaataa caqasiwwan sun itti ibsaman nan beekan ture. Haata’u malee, furii gati jabeessa ta’e kanaan kan ka’e wantoota fulduratti argannurratti yaadee garaa kootti kanin gammade, yeroo hammeenyi du’aa baay’ee natti dhaga’ame sanattidha.”—Yoh. 5:28, 29.
6 Guyyaan ayyaana kanaa dhihaachaa ennaa dhufu, yeroo fudhadhuutii ayyaanichaaf of qopheessi. (2 Sen. 19:3) Dubbisa Macaafa Qulqulluu tibba ayyaanichaa dubbifamu, isa kitaaba xiqqaa Caaffata Qulqullaa’aa Guyyaa Guyyaadhaan Qorachuu 2004fi Kaalaandarii 2004rratti ba’urratti xiinxali. Namoonni tokko tokko qayyabannaa maatiisaaniirratti, kitaaba Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu jedhamu boqonnaa 112-16 ni dubbisu. Kaanimmoo, barreeffamawwan qayyabannaadhaaf gargaaran, kan hojjetaa amanamaafi ogeessaan qophaa’e gara biraa fayyadamuudhaan, qorannaa dabalataa godhu. (Mat. 24:45-47) Hundi keenya kennaa furichaatiif dinqisiifannaa qabnu kadhannaadhaan ibsuu dandeenya. (Far. 50:14, 23) Eeyyee, tibba ayyaana Yaadannoo kanaatti, jaalala Yihowaan nuuf qaburratti xiinxaluudhaan karaa nuyis jaalala keenya itti ibsinu haabarbaanu.—Mar 12:30; 1 Yoh. 4:10.