Macaafa Qulqulluutti Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gargaaramaa
1 Tajaajila keenyarratti raabsuuf kan karoorfanne barreeffama kamiyyuu yoo ta’e, caqasa miira nama nu dhaggeeffatu sanaa tuqu dursinee filachuun faayidaa qaba. (Ibr. 4:12) Caqasa barruu raabsitu sanarra jiru gargaaramuun, barruulcha karaa bu’a qabeessa ta’een raabsuuf si gargaara. Naannoowwan tokko tokkotti, babal’istoonni yeroo namaa wajjin haasa’an ykn manaa gara manaa ennaa deeman Macaafa Qulqulluu harkatti qabachuun gaarii ta’uusaa arganiiru.
2 Caqasa Dubbisuudhaan Jalqabi: Babal’istoonni tokko tokko namichi caqasa isaaf dubbisan sanarratti ilaalcha akkamii akka qabu gaaffii salphaa gaafachuudhaan jalqabu. Kun yeruma sana xiyyeeffannaansaanii gara Sagalee Waaqayyootti akka harkifamu godha. Yaadawwan seensaa kanaa gadi jiran keessaa tokko tokko naannoo tajaajilaa keessanitti bu’a qabeeyyidhaa?
◼ Mul’ata 21:4 dubbisiitii, “Utuu humna qabaattee jijjiiramawwan akkasii ni fidda turtee?” jedhii gaafadhu.
◼ 2 Ximotewos 3:1-5 dubbisiitii, “yeroo rakkisaa akkasii keessa kan jiraannu maaliifi?” jedhii gaafadhu.
◼ Maatewos 7:12 dubbisiitii, “Namni hundumtuu utuu gorsa kana fudhatee lafti iddoo jireenyaa gaarii ni taati turtee?” jedhii gaafadhu.
◼ Faarfannaa 37:10, 11 dubbisiitii, “Ijoolleen kee haala asirratti ibsame kana keessa jiraachuu waan danda’an sitti fakkaataa?” jedhii gaafadhu.
◼ Isaayaas 33:24 dubbisiitii, “Yeroon jechoonni kun itti raawwataman ni dhufa jettee yaaddaa?” jedhii gaafadhu.
◼ Daani’el 2:44 dubbisiitii, “Jijjiiramni bulchiinsaa asirratti ibsame akka dhufu beektaa?” jedhii gaafadhu.
◼ Iyoob 21:7 dubbisiitii, “Waaqayyoon gaaffii akkasii gaafattee beektaa?” jedhii gaafadhu.
◼ “Michoota du’aan dhabne lammata arguu dandeenyaa?” jedhii gaafadhutii, Yohannis 5:28, 29 dubbisii.
◼ “Namoonni du’an, namoonni lubbuudhaan jiran maal gochaa akka jiran beekuu?” jedhii gaafadhutii, Lallaba 9:5 dubbisii.
3 Ibsi; Fakkeenya Kenni; Caqasichi Maaliif Akka Dubbifame Addeessi: Namni tokko sii wajjin mari’achuuf fedhii kan qabu yoo ta’e, maree jalqabamee irra kaachuudhaan hin dabarsin. Yeroo fudhadhuutii ibsi; fakkeenyaan kaa’i; caqasa dubbifame namichi hubachuu akka danda’utti maaliifi akka dubbifame ibsi. (Nah. 8:8) Namoonni waan Sagaleen Waaqayyoo barsiisu yommuu hubataniifi fudhatan, jijjiiramni dinqisiisaan jireenyasaaniirratti ni mul’ata.—1 Tas. 2:13.
4 Namoota fedhii qaban ennaa mari’achiistu karaa bu’a qabeessa ta’een Macaafa Qulqulluutti gargaaramuu kee itti fufi. Deddeebii gaaffii ennaa gootus malawwan kanatti gargaaramuu dandeessa: (1) Caqasa yaada ibsituun wal simu filadhu. (2) Caqasicharratti yaada maalii akka qabu beekuuf gaaffii salphaa gaafadhu. Achii caqasicha dubbisiif. (3) Ibsi; fakkeenya kenni; caqasichi maaliif akka caqasame dubbadhu. Yeroo dhaqxu hundumaatti, beekumsa namichi Sagalee Waaqayyoorratti qabu dabaluuf carraaqi. Yeroo xinnoo keessatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu dandeessa ta’a!
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yeroo tajaajilaaf qophoofnu maal gochuu dandeenya?
2. (a) Caqasa Dubbisuudhaan haasawaa jalqabuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Yaadawwan seensaa Caqasarratti hundaa’an kamfaatu fedhii namoota naannoo keessanii kakaasa?
3. Namoonni caqasa Macaafa Qulqulluurraa isaaniif dubbisnu akka hubatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
4. Ennaa deddeebii gaaffii goonu Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?