Saanduqa Gaaffii
◼ Obboloota biyya gara biraatti argamaniifi rakkinarra jiraniif buusii qarshii gochuuf karaan bu’a qabeessi isa kami?
Al tokko tokko, obboloonni biyya garabiraatti argaman, ari’atamaan, balaadhaan ykn haalawwan rakkisaa ta’an garabiraatiin waan jireenyaaf isaan barbaachisu akka dhaban ni dhageenya. Obboloonni tokko tokko, dhuunfaatti nama tokkoof, gumii tokkoof, ykn hojii ijaarsaa tokkoof akka oolu gaafachuudhaan kallattumaan gara waajjiroota damee akkasiitti qarshii ergu gara waajjiroota damee biyyoota rakkoon irra ga’e jiranitti buusii qarshiin erguuf isaan kakaasa. Tarii horii isaan ergan, dhuunfaatti nama tokkoof ykn gumii gargaaruuf kanaachimmoo hojii ijaarsa gamoo tokko gargaaruuf akka oolu gaafatu ta’a.—2 Qor. 8:1-4.
Hidhattoota amantiitiif yaaduun kan nama galateeffachiisu ta’uyyuu, yeroo baay’ee namoota kana caalaatti namoonni gargaarsi atattamaa isaan barbaachisuu ni jiraatu. Yeroo tokko tokko namoonni gargaarsi ergameef dursanii gargaarsa argataniiru ta’a. Buusiin hojii addunyaa maraatiif, ijaarsa Galma Mootummaatiif, ykn obboloota balaan irra ga’eef gara waajjira dameetti ergamu, kaayyoo abbaan buusii sana buuseef akka oolfamu shakkii hin qabnu.
Obboloonni waajjiroota damee hundaa keessatti argaman, yommuu rakkoon obbolootarra akkuma tasaa ga’u atattamaan gargaarsa kennuuf leenjifamaniiru. Waajjirri damee rakkoowwan yeroo ga’aan hunda, dhimma kana Qaama Bulchiinsaatti beeksisa. Tarii gargaarsi dabalataa kan barbaachisuu yoo ta’emmoo, Qaamni Bulchiinsaa, waajjiroota damee naannoo sanatti argaman gargaarsa gaafachuu ykn kallattumaan qarshii erguufii danda’a.—2 Qor. 8:14, 15.
Kanaafuu buusiiwwan, hojii addunyaa maraatiif, hojii ijaarsaa biyyoota kan biraatiif, ykn obboloota balaan irra ga’eef godhaman, waajjira damee biyya isin jiraattanitti argamuuf karaa gumii ykn kallattumaan ergamuu qabu. Karaa kanaan, “hojjetaan amanamaaniifi ogeessi” qophii Qaamni Bulchiinsaa karaa jaarmiyaa Yihowaatiin godheen, waan waldaa obbolootaa addunyaa maraatiif barbaachisu gochuuf karaa seera qabeessa ta’een hiikuuf qophii godheera.—Mat. 24:45-47; 1 Qor. 14:33, 40.