Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Bit. 1
“[Roomaa 12:17, 18 dubbisiif.] Namni hundumtuu gorsa kana utuu hojiirra oolchee addunyaa kana keessatti haalli gaariin kan jiraatu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Al tokko tokko garuu walitti bu’iinsi uumamuunsaa nama gaddisiisa. Barruun kun, gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun walitti bu’iinsa uumame hiikuufi nagaa buusuuf akkamitti akka gargaaru ibsa.”
Dammaqaa! Bit. 2005
“Hundi keenya dhibeen fayyaa yeroo nu mudatu, ogeessa fayyaa dhibee keenya nuu hubatu argachuun nu gammachiisa. Haata’u malee, dhukkubsattoota meeqatu miira ogeessa fayyaasaaniitiif yaada? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, qorumsa ogeessota fayyaarra ga’uufi ogummaa fayyaa ilaalchisee wanta fulduratti ta’u ibsa.” Isaayaas 33:24 dubbisiif.
MASARAA EEGUMSAA Bit. 15
“Namoonni addunyaa mararratti argaman barumsawwan Yesus ni dinqisiifatu. [Yaada ful. 3 key. 1rra jiru dubbisi.] Haata’u malee, barumsa itti aanee dubbisnu dabalatee wantoonni Yesus barsiise bara kanatti waan hojiirra ooluu danda’an sitti fakkaataa? [Maatewos 5:21, 22a dubbisiif. Achiis hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, Yesus maal akka barsiiseefi nuyis barumsa kanarraa akkamitti faayidaa akka argannu ibsa.”