Gaaffii Gaafachuufi Dhaggeeffachuudhaan —Namootaaf Akka Yaaddan Argisiisaa
1 Namoonni baay’een ilaalchasaanii ibsuu kan jaallatan ta’aniyyuu, gorfamuu ykn gaaffii waan isaan qoraa jirru fakkeessu gaafatamuu hin barbaadan. Kanaafuu, Kiristiyaanota waan taaneef, ilaalcha namootaa beekuuf malaan gargaaramnee akkamitti akka gaaffii gaafannu barachuu qabna.—Fak. 20:5.
2 Gaaffiiwwan keenya xuqaa mari’achaa jirrurratti akka yaadan kan isaan kakaasuu malee kan isaan qaanessu ta’uu hin qabu. Obboleessi tokko manaa gara manaatti yeroo lallabu, akkas jedhee gaafata: “Yeroo namoonni warra kaan ulfinaafi kabajaan qaban ni dhufa jettee ni yaaddaa?” Deebii inni kennurratti hundaa’uudhaan akkas jedhaa: “Kana gochuuf maaltu barbaachisa?” ykn “Kan akkas sitti dhaga’ame maaliifi?” Obboleessi garabiraanimmoo karaa alidilee ta’efi bakka namoonni itti baay’atanitti yeroo lallabnu, namoota ijoollee qabaniin akkas jedhee gaafata: “Abbaa ykn haadha ta’uukeetti wanti caalaatti si gammachiisu maalidha?” Achiis akkas jedhee gaafata: “Wanti hunda caalaatti si yaaddessuhoo maalidha?” Gaaffiiwwan kun namoonni rakkoo tokko malee ilaalchasaanii akka ibsan kan gargaaran ta’uusaanii akka gaariitti qalbeeffadhu. Halli namootaa adda adda waan ta’eef, matadureewwan gaaffii keenyarratti kaasnus ta’e haalli itti namoota gaaffii gaafannu haala namoota naannoo tajaajilaa keenya keessatti argamanii wajjin wal simsiisuun barbaachisaadha.
3 Namoonni Akka Dubbatan Gochuu: Namoonni yaadasaanii sii hiruu kan fedhan yoo ta’e obsaan isaan dhaggeeffadhu. (Yaq. 1:19) Yaadasaanii waan sii hiraniif isaan galateeffadhu. (Qol. 4:6) Achii akkas jechuu dandeessa: “Yaada gaariidha. Yaadakee naa hiruukeettis baay’een si galateeffadha.” Wanta akka isaan galateeffattu si taasisu yoo hubatte garaakee guutuudhaa isaan galateeffadhu. Maal akka yaadaniif akkas jedhanii kan yaadan maaliif akka ta’e beekuuf malaan gaaffiiwwan dabalataa gaafadhu. Wanta irratti waliigaltan barbaadi. Xiyyeeffannaasaanii gara Macaafa Qulqulluutti deebisuuf akkas jechuu dandeessa: “Kun ni danda’ama jettee yaaddee beektaa?” Ilaalcha wanta ani jedhe qofatu sirriidha jedhuufi falmiirraa fagaadhu.—2 Xim. 2:24, 25.
4 Deebii namoonni gaaffiiwwan keenyaaf kennan baay’eensaa haala nuyi isaan dhaggeeffannerratti kan hundaa’edha. Namoonni xiyyeeffannaadhaan akka isaan dhaggeeffannuufi hin dhaggeeffanne beekuu ni danda’u. Daawwataan olaanaa aanaa tokko wanta hubate akkas jechuudhaan dubbateera: “Namoota dhaggeeffachuuf obsa qabaachuunkee, xiyyeeffannaasaanii harkisuufi ga’ee guddaa qabaachuusaarrayyuu, akka isaaniif yaannu karaa itti argisiisnudha.” Warra kaan dhaggeeffachuun keenya akka ulfina isaaniif kenninu argisiisuusaarrayyuu misiraachoo isaaniif hiruuf hawwinu dhaggeeffachuuf isaan kakaasa.—Rom. 12:10.