Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Fulb. 1
“Yeroo har’aatti namoonni baay’een amantiidhaaf dantaa hin qaban. Haata’u malee, namani tokko nama amantii ta’uunsaa nama gaarii isa taasisa jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Guyyoota gara dhumaatti wanta namoonni tokko tokko amantiirraa barbaadan ilaalchisee raajii Macaafni Qulqulluun dursee dubbate qalbeeffadhu. [2 Ximotewos 4:3, 4 dubbisiif.] Barruun kun waaqeffannaan dhugaa Waaqayyoof akkamitti akka ulfina fiduufi kan nu fayyadu akkamitti akka ta’e ibsa.”
Dammaqaa! Fulb. 2006
“Namoonni baay’een Waaqayyo akka isaan uume ni amanu. Kaanimmoo jijjiirama tirannaatiin dhufne jedhanii amanu. Atoo ilaalcha akkamii qabda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yaada ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaaru kana qalbeeffadhu. [Iyoob 12:7, 8 dubbisiif.] Dammaqaan! adda ta’e kun, ogummaafi akkaataa qindoomina uumamaarraa maal barachuu akka dandeenyu ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Fulb. 15
Dhimma (oduu) tibbana namoota naannoo tajaajilaa keessan yaaddesse tokko caqasi. Achiis akkas jedhii gaafadhu: “Caqasni Macaafa Qulqulluu kun yeroo keessa jiru kana sirriitti kan ibsudha jettee yaaddaa? [2 Ximotewos 3:1 dubbisii hanga deebii kennutti eegi.] Matadureen kun guyyoota gara dhumaa keessa jiraachuu keenyaafi maal gochuu akka qabnu ibsa.”
Dammaqaa! Onk. 2006
“Namoonni baay’een televijinii ilaaluun isaan gammachiisa. Haata’u malee, wanta ilaallu filachuu qabna jettee yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Fakkeenya 13:20 dubbisiif.] Barruun kun, yaadawwan dhiibbaa televijiniin nurraan ga’uufi wanta ilaallu akkamitti to’achuu akka dandeenyu ibsan qabateera.”