Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Fulb. 1
“Namoonni baay’een ‘Kakuun Moofaan’ seenaa bu’a qabeessa ta’e akka qabu ni amanu. Haata’u malee, seerri achi keessa jiru yeroo har’aa kan hojjetu ta’uusaa ni shakku. Ati waa’ee kanaa maaltu sitti dhaga’ama? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Roomaa 15:4 dubbisiif.] Barruun kun, ‘Kakuun Moofaan’ yeroo ammaas ta’e abdii gara fuulduraa ilaalchisee gorsa gaarii akka nuu kennu ibsa.”
Dammaqaa! Fulb. 2007
“Balaan uumamaa gocha Waaqayyooti jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Keessa Deebii 32:4 dubbisiif.] Barruun kun balaan uumamaa akka ga’u Waaqayyo maaliif akka heyyame ibsa. Kana malees, maatii keenya balaarraa eeguu akkamitti akka dandeenyu addeessa.”
MASARAA EEGUMSAA Fulb. 15
“Wanta caqasni kun jedhurratti ilaalcha akkamii akka qabdu utuun beekee natti tola. [Keessa Deebii 32:4 dubbisi.] Waaqayyo hundumaa kan danda’uufi firdii qajeelaa kan jaallatu erga ta’ee, rakkinniifi hammeenyi biyya lafaarratti kan baay’ate maaliif jettee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun Waaqayyo hamminni hanga har’aatti akka jiraatu maaliif akka heyyame ibsa.”
Dammaqaa! Onk. 2007
“Bara duriirra yeroon ammaa ijoolleef hamaadha jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baay’een barri keessa jiraannu kun 2 Ximotewos 3:1-5rratti isa dubbatame keessa akka ta’e isaanitti dhaga’ama. [Caqasicha dubbisi.] Barruun kun warri ijoolleesaanii namoota daa’imman gudeedanirraa akkamitti eeguu akka danda’an ibsa.”