Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Hag. 1
“Akka gabaasni tokko ibsetti, namoota addunyaarra jiran keessaa harka walakkaa caalaan, hiyyummaadhaan kan jiraatu ta’uusaa beekta turtee? Haala kanaaf furmaata argachuun waan danda’amu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun Masaraa Eegumsaa kun hiyyummaan furmaata dhaabbataa ta’e akka qabu yaada Macaafni qulqulluun qabu ibsa.”—Faarfannaa 72:12, 13, 16 dubbisiif.
Dammaqaa! Hag. 2003
“Ilbiisonni dhukkuba balaa guddaa geessisan daddabarsu. Ilbiisota kana ofirraa ittisuuf tarkaanfiin fudhannu akka jiru beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun tarkaanfii fudhannu, akkasumas gara fulduraatti yeroon itti dhukkubni hundinuu badu akka dhufu abdii Macaafni qulqulluun kennu ibsa” Isaayaas 33:24 dubbisiif.
MASARAA EEGUMSAA Hag. 15
“Namoonni baay’een maqaa gaarii argachuu akka waan guddaatti ilaalu. Namoonni tokko tokkommoo erga du’anii boodayyuu yaadatamuun isaanii isaan yaaddessa. Waa’ee kanaa yaadde beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Lallaba 7:1 dubbisiif.] Masaraan Eegumsaa kun namoota durattis ta’e Waaqayyoo duratti, maqaa gaarii argachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e ni ibsa.”
Awake! Aug. 8
“Waggoota dhihootti balaawwan haala qilleensa naannootiin gahan, addunyaa maratti badiisa guddaa uumaniiru. Rakkoo sababii balaa kanaatiin uumame salphisuuf maal godhamuu qaba jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun jijjiirama qilleensa naannootiin rakkoo ga’e tokko tokkoofi furmaata Macaafa qulqulluurratti argamu ibsa.”— Isaayaas 35:1 dubbisiif.