Jireenyakee Akkamitti Yoo Itti Fayyadamte Wayya?
1 Yeroo tokko tokko ijoollee xixinnoodhaaf “Yeroo guddatu maal ta’uu barbaadda?” gaaffii jedhutu dhihaata. Dhiiraa yoo taate yeroo ijoollee turtetti xiyyaara oofuu, ilaaltuu olaanaa ta’uun barbaada jettee turtee? Yoo durba taatemmoo, narsii, xiyyaara keessatti namoota keessumsiisuu, misiyoona ta’uun barbaada jettee turtee? Amma waan guddateef gaaffii kan biraa of gaafachuu qabda: ‘Jireenya koo akkamitti yoon itti fayyadame wayya?’ Kana murteessuuf qophoofteettaa?
2 Murtoo gaarii gochuu akka dandeessaniif jaarmiyaan Yihowaa DVD Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? jedhamu isinii qopheesseera. Kutaawwan hundumaa jechuunis diraamaa, gaafannoofi barumsawwan dabalataarratti xiyyeeffannaadhaan yaadaa. Qabiyyeensaa baafata “Main Menu” jedhu keessatti argama.
3 Diraamaa: Yeroo diraamicha ilaaltu gaaffiiwwan kana deebisuuf yaali: (1) Ximotewos isa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti ibsameef Andiree gidduu wal fakkeenya akkamiitu jira? (HoE. 16:1; 1 Xim. 4:8; 2 Xim. 1:5) (2) Andireen atleetiksii keessatti iddoo guddaa akka qabaatuuf kan kaka’e akkamitti? Dhibbaa kana eenyuutu isarratti geessise? (3) Ximotewosiifi Andireen filannaa gaarii akka godhan kan isaan gargaare eenyufaadha? Karaawwan kamiin? (2 Xim. 1:1-4; 3:14, 15) (4) Gorsi Maatewos 6:24fi Filiphisiiyus 3:8rra jiru Andireerratti dhiibbaa kan geessise akkamitti? Siirrattoo dhiibbaa kan geessisu akkamitti?
4 Do’iiwwan Filataman (Selected Scences): Guutummaa diraamichaa erga ilaaltee booda, do’iiwwan kanaa gadi jiran irra deddeebi’ii ilaaliitii gaaffiiwwan ittaananii jiraniif deebii kenni. “Phaawulosiifi Ximotewos”: Gorsi xumuraa Phaawulos Ximotewosiif kenne maalidha? (2 Xim. 4:5) “Wanta Qabdu Keessaa Isa Hundarra Caalu Yihowaadhaaf Kennuu”: Galmawwan hafuuraa akkamii qabda? “Yihowaa Cina Dhaabachuu”: Gammachuun dhugaan eessaa argama? “Gorsa Akkoosaa”: Addunyaa Seexanaa keessatti beekamaa ta’uuf hawwuun dogoggora maalii qaba? (Mat. 4:9) “Gaabbii Hin Qabu”: Jireenyakee keessatti milkaa’ina argachuuf kan si gargaaru barumsa haaraa akkamii argatte?—Fak. 10:22.
5 Gaafannoowwan (Interviews): Kutaa hundumaa yeroo daawwattu, waan qabdu keessaa isa hunda caalu Yihowaadhaaf kennuuf maal gochuu akka dandeessu hubatte? (1) “Waan Gatii Hin Qabneefimoo Waaqayyoof Of Murteessite?” (1 Yoh. 2:17); (2) “Tajaajilaakeetti Gammaduu.” (Far. 27:14); (3) “Carraa Tajaajilaaf Baname.”—Mat. 6:33.
6 Duuba Deebi’anii Yaadachuu (Looking Back): Deebisuu dandeessaa? (1) Obboleessiifi obboleettiin tokko hojii akkamii qabu turan? Maaliif? (2) Hammam bu’a qabeeyyii turan? (3) Jireenyasaanii akka jijjiiran kan godhe maalidha? (2 Qor. 5:15) (4) Hojii ti’ookraasii isa kamtu hojiisaanii isa duraa bakka bu’e? Lamaansaaniiyyuu hojjechuu akka danda’an kan isaanitti hin dhaga’amne maaliifi? (5) Wanta jireenyasaanii keessatti xiyyeeffannaa kennaniif jijjiiruusaaniitti gaabbaniiruu? (6) Keessumaa jechasaanii isa kamtu wanta jireenyakee keessatti dursa kennituuf akka hubattu si godhe?
7 Gaafannoowwan Kutaa Dabalataa (Supplementary Intervews): Gaafannoowwan kana keessatti, tajaajila Yihowaarratti caalaatti hirmaachuuf si gargaaru ilaalchisee tokkoon tokkoon kutichaaraa maal baratte? (1) “Bu’aa Qayyabannaa Dhuunfaa,” (2) “Karaawwan Dhugaa Ba’uun Itti Danda’amu,” (3) “Tajaajila Bet’el,” (4) “Leenjii Misiyoonotaa Giil’aad,” (5) “Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa.”—“Baafata Mataduree Dhimmawwan Kanaa Wajjin Walitti Dhufeenya Qaban” (Index to Published Information on Related Subjects) jedhu irra deebi’i, akkasumas oddeeffannoo caalaatti xiyyeeffannaakee harkise dubbisi.
8 Amma akkatti jireenya keetti fayyadamtu murteessiteettaa? Phaawulos Ximotewosiin akkas jedhee gorsee ture: “Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!” (1Xim. 4:15) Nuyis akkuma DVD kanarratti argitaniifi dhageessan akka gootan isin gorsina. Filannaa sirrii yeroo ammaatti gammachuufi milkaa’ina gara fuulduraattimmoo eebba isinii argamsiisu akka gootanii akka isin gargaaruuf Yihowaa kadhadhaa.
[Saanduqa fuula 6rra jiru]
MAIN MENU
Play Drama
Scenes (11 selections)
Interviews
Play All
Sections (3 selections)
Looking Back
Supplementary Material
Supplementary Interviews
Index to Published Information on Related Subjects
Subtitles
Hearing Impaired
None
Kutaawwan DVD kanaa olitti ibsaman bantee ilaaluuf, furtuuwwan Next ▶, ◀ Back fi Main Menu jedhanitti bu’i.