Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? (Kutaa 2)
Baafata viidiyoo, Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? jedhurraa mataduree, “Interviews” (Gaafannoo) jedhu banuudhaan isa “Sections” (Kutaawwan) jedhu filadhu. Kutaawwan sadan erga ilaaltee booda, barumsa argatte irra deebiʼuuf gaaffiiwwan keeyyata 2rratti argamanitti fayyadami. Achiis baafata jalqabaarraa kutaa, “Supplementary Material” (Kutaa Dabalataa) jedhu banuudhaan gaafannoowwan dabalataa shanan erga ilaaltee booda gaaffiiwwan keeyyata 3rratti argaman deebisi.
Kutaawwan—Wantoota Waaʼee Hin Baafneef ykn Waaqayyoof Of Murteessuu: (1) Dargaggoonni karoora akkamii akka baafatan dhiibbaan irra gaʼa? (2) Dargaggoonni hammam barachuu akka qaban ilaalchisee murtoo gochuuf, 1 Yohannis 2:17 kan isaan gargaaru akkamitti? (3) Sodaan cuuphamuurraa duubatti akka nu deebisu heyyamuu kan hin qabne maaliifi? (4) Wantoonni sadarkaa cuuphamuurra gaʼuuf nu gargaaran maalfaʼi? Tajaajila Keetti Gammaduu Barachuu: (5) Babalʼistoonni tokko tokko tajaajilatti kan hin gammanne maaliifi? (6) Wantoonni nu gargaaran tokko tokko maalfaʼi? (7) Nama biyya alaatiif lallabuu caalaa wanti babalʼistoota baayʼee sodaachisu maalidha? Maaliif? (8) Sodaa nutti dhagaʼamu moʼuudhaan ija jabina argachuu kan dandeenyu akkamitti? (9) Tajaajilarratti dandeettii tokko tokko horachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Karaa Tajaajiluudhaaf Baname: (10) Qajeelchaa taʼuun karaa hafuuraa guddachuuf carraa hedduu kan banu akkamitti? (Filp. 3:16) (11) Babalʼistoonni tokko tokko qajeelchaa taʼuurraa boodatti kan jedhan maaliifi? (12) Caaffata Qulqullaaʼoo keessaa seerawwan buʼuuraa yaaddoo jireenyaa moʼuuf nu gargaaran kamfaʼi? (13) Babalʼistoonni tokko tokko qajeelchaa taʼanii tajaajilaa of dandaʼanii jiraachuuf maalfaa godhaniiru? (14) Babalʼisaan tokko tajaajila yeroo guutuu keessa akka hin seenne haallisaa yoo isaaf heyyamuu baate maal gochuu dandaʼa?
Kutaa dabalataa—Faayidaa Qayyabannaa Dhuunfaa: (15) Sagantaa qayyabannaa dhuunfaa dhaabbataa taʼe qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Filannoowwan Dhugaa Baʼuuf Gargaaran (yeroo amma bakka namoonni baayʼinaan argamanitti lallabuu jedhama): (16) Bifawwan tajaajilaa addaddaatti fayyadamnee dhugaa baʼuun keenya gammachuu kan nuuf dabalu akkamitti? Tajaajila Betʼel: (17) Betʼel keessatti tajaajiluun gammachuu akkamii namaaf argamsiisa? Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa: (18) Namoonni mana barumsaa kana galanii baratan (yeroo ammaa Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeentee jedhama) faayidaa akkamii argataniiru? Leenjii Misiyoonotaa Giilʼaad: (19) Piitariifi Fiyoonaan tajaajila misiyooniitiif kan of qopheessan akkamitti? Mana Barumsaa Giilʼaadirraa kan fayyadamanoo akkamitti?