Yeroo Tajaajilaaf Ramaddan Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa
1 Tajaajila keenyaan wanta hedduu raawwachuu akka dandeenyu beekamuyyuu, yeroon hafe muraasadha. (Yoh. 4:35; 1 Qor. 7:29) Qindoomina gaariifi dursinee karoorfachuudhaan, yeroo tajaajilaaf ramadne akka gaariitti itti fayyadamuu dandeenya.
2 Dursanii Qophaa’uu: Walga’ii tajaajila dirree utuu hin dhaqin dura, barreeffamoota barbaachisan qabachuufi akkaataa dhiheenyaa shaakaluukee mirkaneeffadhu. Akkuma kadhannaan godhamee walga’ichi raawwateen gara naannoo tajaajilaakee dhaqi. Akkas gochuunkee, atis taate namoonni waliin tajaajila baatan hamma danda’ame yeroo tajaajilaaf ramadametti akka gaariitti akka fayyadamtaniif carraa bana.
3 Walga’ii tajaajila dirree akka geggeessituuf ramadamteetta taanaan, yeroodhaan jalqabi. Yeroon walga’ichaa daqiiqaa 10 hanga 15 gidduutti gabaabbatee akka xumuramu godhi. Obboloonni tajaajilaaf utuu hin tamsa’in dura bakka dhaqanii tajaajilaniifi nama wajjin ramadaman beekuusaanii mirkaneeffadhu.
4 Yeroo Tajaajillu: Walga’iin tajaajila dirree erga raawwatee booda, wanta hin barbaachisnerratti yeroo utuu hin gubin, gara naannoo tajaajilaa dhaqi. Naannoo tajaajilaa keessaa daftee deebi’uu barbaadda taanaan, gareen wajjin tajaajilaa jirtan si geggeessuuf jecha tajaajila akka hin dhaabneef haala ittiin deebitu mijeeffadhu. Gareedhaan ennaa tajaajiltan, obboloota maree jalqabde hanga raawwattutti si eegaa jiraniif yaadi. Namichi kun callisee falmii kan baay’isu yoo ta’e, maricha tooftaadhaan dhaabuu ykn fedhii kan qabu taanaanimmoo, yeroo biraa walqunnamuuf qophii gochuu kan dabalatu ta’uu danda’a.—Mat. 10:11.
5 Deddeebii gaaffii yeroo goonu, naannoo biraa dhaquu keenya dura namoota achitti argaman haasofsiisuun lafa fagoo akka hin adeemne nugargaara. Deddeebii gochuu yaanne taanaan, mana jiraachuusaanii beekuuf bilbila bilbiluun ni danda’ama. (Fak. 21:5) Namichi deddeebii gootuuf yeroo dheeraa kan fudhatu fakkaatee yoo sitti dhaga’ame, warri kaan si eeguutti yeroosaanii akka hin gubneef naannoodhuma sana akka tajaajilan ykn deddeebii gaaffii akka godhan gochuun ni danda’ama.
6 Yeroon keessa jiraannu kun yeroo karaa hafuuraa sassaabbiin guddaa itti geggeeffamaa jirudha. (Mat. 9:37, 38) Hojiin kunis yeroo dhihootti xumura. Kanaaf, fedhiin keenya yeroo tajaajilaaf ramannetti akka gaariitti fayyadamuu ta’uu qaba.