Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ebla 1
“Raajiin kun yommuu raawwatamu utuu argatee hin gammadduu? [Isaayaas 2:4 dubbisiitii, hanga deebii kennutti eegi.] Waaqayyo gara fuulduraatti dhimma namootaa keessa galuudhaan ‘firdii akka kennu’ hubadhu. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo waraana Armaagedoon jedhamurratti loluudhaan waraana hunda akka balleessu dubbata. Barruun kun, Armaagedoon maal akka ta’eefi waraana kanammoo hawwiidhaan eeggachuu kan qabnu maaliif akka ta’e ibsa.”
Dammaqaa! Ebla
“Yeroo caqasa kanarratti ibsame keessa kan jiraannu sitti fakkaataa? [2 Ximotewos 3:1-4 dubbisiitii, hanga deebii kennutti eegi.] Guyyoonni gara dhumaa dhufuunsaanii lafa kanaaf wanti gaariin akka dhufu kan argisiisu waan ta’eef, guyyoota kana hawwii guddaadhaan eeggachuun keenya sirriidha. Barruun kunimmoo dhimma kana ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Ebla 1
“Qabeenyi uumamaa lafa kanaa manca’aa akka jiru yommuu argitu, lafti kun badiisarraa ni ooltii laata jettee yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Abdii nama jajjabeessu kana ilaali. [Faarfannaa 104:5 dubbisiif.] Matadureen kun, gara fuulduraatti lafti maal akka taatu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ibsa.” Mataduree fuula 10rra jiru itti argisiisi.
Dammaqaa! Ebla
“Namoonni hedduun hojiin waan itti baay’atuuf yeroo Waaqayyoon itti waaqeffatan argachuun isaan rakkisa. Atoo kana gochuuf yeroo argachuun si rakkisaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Efesoon 5:15-17 dubbisiif.] Barruun kun, yeroofi humna Waaqayyo nurraa barbaadu ilaalchisee yaada sirrii Macaafa Qulqulluu keessatti argamu nutti hima.” Mataduree fuula 20rra jiru itti argisiisi.