LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/09 ful. 1
  • Hojiin Lallabaa, Karaa Hafuuraa Nu Cimsa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojiin Lallabaa, Karaa Hafuuraa Nu Cimsa
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tajaajila Keessan Guutummaatti Raawwachaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Yihowaan Jabina Siif Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Lallabuun Jabaannee Akka Dhaabannuuf Nu Gargaara
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Tajaajilatti Jabaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 4/09 ful. 1

Hojiin Lallabaa, Karaa Hafuuraa Nu Cimsa

1. Hojiin lallabaa bu’aa akkamii nuu argamsiisa?

1 Hojii lallabaarratti si’aayinaan hirmaachuun, karaa hafuuraa nu cimsuufi gammachuu keenya nuu dabaluu danda’a. Dhugaadha, sababiin tajaajilarratti hirmaannuuf inni guddaan Yihowaa gammachiisuufidha. Ta’us, abboommii “dubbicha lallabi” jedhuuf ajajamuun keenya, eebba Yihowaafi bu’aa kan biraa nuuf argamsiisa. (2 Xim. 4:2; Isa. 48:17, 18) Hojiin lallabaa, nu cimsuufi nu gammachiisuu kan danda’u attamitti?

2. Tajaajilli kan nu cimsu karaawwan kamiini?

2 Jajjabinaafi Eebba Arganna: Hojiin lallabaa, rakkina yeroo ammaa mannaa, eebbawwan Mootummichaarratti akka xiyyeeffannu nu jajjabeessa. (2 Qor. 4:18) Barumsa Macaafa Qulqulluu warra kaaniif ibsuun keenya, abdii Yihowaarratti amantii qabnu nuu cimsa; dinqisiifannaa dhugaadhaaf qabnus nuu jabeessa. (Isa. 65:13, 14) Namoonni kaan karaa hafuuraa akka guddataniifi ‘kan biyya lafaa akka hin taane’ yommuu gargaarru, ejjennoon biyya lafaa kanarraa adda ta’uuf qabnu ni cima.—Yoh. 17:14, 16; Rom. 12:2.

3. Tajaajilli amala Kiristiyaanummaa horachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

3 Tajaajilarratti hirmaachuun, amala Kiristiyaanummaa horachuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf ‘karaa hundumaa namoota hundumaa biratti waan fakkaatu ta’uuf’ carraaqqii gochuun keenya, caalaatti amala gadi of deebisuu horachuuf nu gargaara. (1 Qor. 9:19-23) Yommuu “namoota akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gataman” barsiifnu, gara laafinaafi namootaaf na’uu baranna. (Mat. 9:36) Namoonni utuma nu mormaniifi tajaajila keenyaaf dantaa dhabanii hojii keenyatti yoo itti fufne jabina baranna. Of kenninee namoota yoo gargaarre gammachuun keenya ni dabala.—HoE. 20:35.

4. Tajaajilakeetiif ilaalcha akkamii qabda?

4 Tajaajila Waaqa isa kophaasaa waaqeffatamuu qabuuf ulfina fidu dhiheessuun eebba guddaa mitii? Tajaajilli nu cimsa. Warra ‘hojii wangeelaa raawwachuurratti’ guutummaatti hirmaataniifis eebbawwan hedduu argamsiisa.—HoE. 20:24.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi