LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/10 ful. 7
  • Fuula Duubaatti Fayyadamtanii Beektuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fuula Duubaatti Fayyadamtanii Beektuu?
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barruulee Raabsuuf Qophii Gochuu
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Raabsuu
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Mataduree Haaraa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • “Yaadawwan Jiʼa . . . Barruulee Raabsuuf Gargaaran”
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2010
km 8/10 ful. 7

Fuula Duubaatti Fayyadamtanii Beektuu?

Yeroo baay’ee namoonni yommuu barreeffama tokko argatan, dura fuula jalqabaa, achiis garagalchanii duubasaa ilaalu. Masaraan Eegumsaa sabaaf qophaa’u, duubasaarratti gaaffiiwwan fedha namaa kakaasaniifi fuula deebiinsaanii irratti argamu qabateera.

Fuula duubaa kanatti fayyadamuudhaan gaaffiiwwan maree jalqabuuf nu gargaaran argachuu dandeenya. Yeroo baay’ee naannoo tajaajilaa keenyatti kan hojjennu yoo ta’e, ji’a sana guutuu akkaataa dhiheenyaa addaddaatti fayyadamuu dandeenya. Namni haasofsiisnu hojiin kan itti baay’atu yoo ta’e, gaaffiiwwan fuula duubaarratti argaman keessaa tokko erga gaafannee booda, “Deebii gaaffii kanaa beekuu yoo barbaadde, barreeffamoota kana sii kennee yommuu yeroo argattu irratti mari’achuu dandeenya” jechuudhaan yaada keenya ibsuun gaariidha. Babal’istoonni tokko tokko fuula duubaa baasanii gaaffiin fedha namichaa kakaasu isa kam akka ta’e gaafachuudhaan maree jalqabu. Achiis deebiin gaaffii kanaa fuula meeqarratti akka argamu erga itti argisiisanii booda, caqasa dursanii itti qophaa’an dubbisuuf. Namoonni barruu Masaraa Eegumsaatiif fedhii akka qabaatan gochuuf, tarii mala kan biraatti gargaaramuudhaan fuula duubaatti fayyadamuu barbaaddu ta’a.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi