LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/10 ful. 1
  • ‘Hin Sodaatinaa!’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Hin Sodaatinaa!’
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Dubbii Waaqayyoo Ija Jabinaan Dubbadhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Jaalalli Sodaa Moʼuuf kan Nu Gargaaru Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Yihowaan Jabina Siif Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Ija Jabinaan Lallabuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2010
km 10/10 ful. 1

‘Hin Sodaatinaa!’

1. Rakkoowwan Ermiyaasirra ga’an akkamii nu mudachuu danda’u?

1 Ermiyaas raajii akka ta’u yommuu itti himame ga’umsa akka hin qabne itti dhaga’amee ture. Haata’u malee Yihowaan, “hin sodaatin!” kan isaan jedhe si’a ta’u, hojii isaaf kennames akka raawwatu isa jajjabeesseera. (Er. 1:6-10) Yeroo keenyattis, ija laafummaan ykn ga’umsa hin qabu jedhanii sodaachuun hirmaannaa tajaajilarratti goonu nu jalaa daangessuu danda’a. Darbee darbee, deebii namoonni kennan ykn ilaalchi nuuf qaban duubatti akka jennu nu gochuu danda’a. Sodaa akkasii mo’uu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun keenyahoo eebba akkamii nuuf argamsiisa?

2. Dursinee qophii gochuun keenya sodaa tajaajilarratti nu mudatu mo’uuf kan nu gargaaru akkamitti?

2 Dursaa Qophaa’aa: Akka gaariitti qophaa’uun keenya sodaa nutti dhaga’amu mo’uuf nu gargaaruu danda’a. Fakkeenyaaf, namoota maree keenya dhaabsisan ilaalchisee dursinee qophii gochuun keenya, mormii nurra ga’uuf deebii kennuuf nu dandeessisa. (Fak. 15:28) Mormii addaddaa mana barumsaattis ta’e tajaajilarratti isin mudatuuf deebii kennuu akka dandeessanitti, Waaqeffannaa Maatiirratti qophii shaakalaa utuu qabaattanii gaarii mitii?—1 Phe. 3:15.

3. Yihowaatti amanamuun sodaa nutti dhaga’amu akka moonu kan nu gargaaru akkamitti?

3 Yihowaatti Amanamaa: Waaqayyotti amanamuun keenya sodaa nutti dhaga’amu mo’uuf nu gargaara. Yihowaan akka nu gargaaru waadaa nuu galeera. (Isa. 41:10-13) Wanti kana caalaa tasgabbiin akka nutti dhaga’amu godhu jiraachuu danda’aa? Kana malees, Yesus wanti hin eegamne yoo nu mudatellee, hafuurri Waaqayyoo akka gaariitti dhugaa ba’uuf akka nu gargaaru dubbateera. (Mar. 13:11) Kanaaf, yeroo hunda hafuura qulqulluu argachuuf Yihowaa kadhadhaa.—Luq. 11:13.

4. Utuma rakkinni nu mudatuu tajaajilatti cimuun keenya eebba akkamii nuuf argamsiisa?

4 Eebba Akkamii Arganna? Utuma rakkinni nu mudatuu tajaajilatti cimuun keenya, rakkoowwan gara fuulduraatti nu mudatan akka gaariitti mo’uuf nu dandeessisa. Ija jabina isa namoota hafuura qulqulluudhaan guutamaniif kennamu arganna. (HoE. 4:31) Kana malees, sodaa nutti dhaga’amu gargaarsa Yihowaatiin mo’aa yommuu adeemnu, amantiin humna inni nu fayyisuuf qaburratti qabnu ni cima. (Isa. 33:2) Abbaa keenya isa samii gammachiisaa akka jirru beekuun keenyas gammachuu nuuf argamsiisa. (1 Phe. 4:13, 14) Kanaaf, yeroo hunda Yihowaan akka nu gargaaru amanuudhaan ergaa Mootummichaa ija jabinaan haa lallabnu!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi