Yeroon Lallabuurraa Boqonnaa Itti Taanu Hin Jiru
1. Labsitoonni Wangeelaa jaarraa jalqabaatti turan, boqochuu akka qaban akka isaanitti hin dhagaʼamne akkamitti beekna?
1 Labsitoonni Wangeelaa hinaaffaa qabaniifi jaarraa jalqabaatti turan, ‘utuu gargar hin kutin’ bakka namoonni argaman hundatti misiraachicha labsaniiru. (HoE. 5:42) Kanaafuu, yommuu manaa gara manaatti tajaajilan namoota karaarratti argataniifis utuu dhugaa hin baʼin akka hin dabarre homaa hin shakkinu. Akkasumas erga tajaajilasaanii xumuranii booda, yommuu gabaa dhaqan karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuuf carraa argatanitti akka fayyadaman beekamaadha. Isaanis akkuma Yesus, lallabuurraa boqochuu akka qaban itti hin dhagaʼamne.—Mar. 6:31-34.
2. Haala maqaa keenyaa wajjin walsimuun jiraachuun maal dabalata?
2 Yeroo Hunda Qophaaʼoo Taʼuu: Maqaan keenya inni Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu, maal akka hojjennu qofa utuu hin taʼin, eenyummaa keenyas kan ibsudha. (Isa. 43:10-12) Kanaaf yeroo hundumaa, jechuunis yeroo manaa gara manaa hin tajaajillettillee, waaʼee abdii keenyaa namootatti himuuf qophaaʼoo taʼuu qabna. (1 Phe. 3:15) Haalawwan karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuuf si dandeessisanirrattiifi waaʼee maalii akka dubbattu ni yaaddaa? Barreeffamoota namoota fedhii argisiisaniif kennitu ni qabattaa? (Fak. 21:5) Manaa gara manaatti qofa lallabdamoo, yoo haalli sii mijaaʼe namoota bakka kan biraatti argamaniifis misiraachicha ni labsita?
3. Karaarratti, bakka konkolaataan dhaabatutti, iddoowwan bashannanaatti, naannoowwan daldalaafi iddoowwan kana fakkaatanitti lallabuu, mala bakka guddaa hin qabne goonee ilaaluu kan hin qabne maaliifi?
3 “Karaarratti” Lallabuu: Daandiirratti, bakka konkolaataan dhaabatutti, iddoowwan bashannanaatti, naannoo daldalaafi iddoowwan akkasiitti ni lallabna. Iddoowwan kanatti lallabuun, bakka guddaa kan hin qabne, baramaa kan hin taaneefi akka filannaatti qofa kan itti fayyadamnudhaa? Phaawulos ergamaan “karaarrattii” fi manaa gara manaatti akka lallabe dubbateera. (HoE. 20:20, NW) Tajaajilli manaa gara manaa, ergaa Mootummichaa namootatti himuuf mala isa guddaafi caalaatti buʼa qabeessa taʼedha. Haataʼu malee, namoonni jaarraa jalqabaatti lallabaa turan kan xiyyeeffatan, manneenirratti utuu hin taʼin namootarratti ture. Karaarratti, karaa alidilee taʼeen, akkasumas manaa gara manaatti carraa argatan hundatti fayyadamanii waaʼee dhugaa dubbatu turan. Nuyis tajaajila keenya raawwachuuf ilaalcha akkasii haa qabaannu.—2 Xim. 4:5.