Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabanna Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Namoonni amantii garaagaraa kan qaban siʼa taʼu, Waaqayyoon kan waaqeffatanis karaa addaddaatiini. Waaqayyo waaʼee kanaa maal kan itti dhagaʼamu sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Dhimma kana ilaalchisee Yesus maal akka barsiise ilaali.” Achiis Masaraa Eegumsaa Onkoloolessaa-Muddee 2011 kenniifiitii, yaada mataduree xiqqaa isa jalqabaa fuula 22rra jiru dubbisaa irratti mariʼadhaa. Yoo xinnaate caqasa tokko baasii dubbisiif. Barruulee kana akka fudhatu erga afeertee booda, guyyaa gaaffii itti aanu deebisuuf deebitee itti dhaqxu beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Onkoloolessaa-Muddee
“Ijoollee xixinnoo waaʼee Waaqayyoo barsiisuu qabnamoo hamma guddatanii amantii mataasaanii filatanitti eeguu qabna jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun abbootiin maal akka godhan akka ajaju hubadhu. [Efesoon 6:4 dubbisiif.] Barruun kun, warri ijoolleesaanii waaʼee Waaqayyoo akkamitti barsiisuu akka dandaʼan yaada kenna.”
Dammaqaa! Amajjii
“Haala daldalaa wajjin wal qabateen mattaʼaa kennuun ykn karaa kan biraatiin amanamummaa hirʼisuun baramaa taʼeera. Namoonni tokko tokko hojii daldalaarratti buʼaa argachuuf hamma tokko amanamummaa hirʼisuun barbaachisaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Atoo maal sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yaada miira namaa tuqu kana qalbeeffadhu. [Fakkeenya 20:17 dubbisiif.] Barruun kun, amanamummaan barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibsa.”