LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/13 ful. 8
  • Akkaataa Dhiheenyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Dhiheenyaa
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2013
km 12/13 ful. 8

Akkaataa Dhiheenyaa

Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru

“Namni hundi umrii dheeraafi jireenya gammachiisaa utuu jiraatee baayʼee gammada. Gama kanaan mee gaaffii tokkon si gaafadha: Guddinni gama saayinsiifi yaalii fayyaatiin argamu gaaf tokko barabaraaf jiraachuu akka dandeenyu gochuu kan dandaʼu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun maal akka jedhu ilaali.” Barruu Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee kenniifiitii mataduree fuula dhumaarra jiru itti argisiisi; achiis yaada mataduree xiqqaa jalqabaa jala jiru erga waliin ilaaltanii booda, yoo xinnaate caqasa tokko waliin dubbisaa. Masaraa Eegumsaa sana kenniifiitii gaaffii ittaanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.

Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee

“Namoonni hedduun, ‘Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame?’ jedhanii gaafatu. Atoo akkas jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Kan nama gammachiisu garuu Macaafni Qulqulluun yeroo gaddiifi dhiphinni hin jirre akka dhufu dubbata. [Mulʼata 21:4 dubbisi.] Barruun kun sababii gurguddaa rakkinni itti baayʼate shan ibsa. Kana malees Waaqayyo rakkina balleessuuf qophii maalii akka godhe Macaafa Qulqulluurraa ni ibsa.”

Dammaqaa! Onkoloolessa-Muddee

“Namoonni tokko tokko yaanni Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii wajjin haala walqabateen kennu yeroon kan itti darbeefi mirga namaa garmalee kan daangessu akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Kaanimmoo qajeelfama Macaafni Qulqulluun kennu ni fudhatu. Atoo dhimma kana ilaalchisee maal jetta? [Hanga deebii kennutti eegi.] Caqasa faayidaa qajeelfama Macaafa Qulqulluu hordofuun qabu ibsu utuun sii dubbisee natti tola. [Isaayaas 48:18 dubbisiif. Achiis mataduree fuula 12-13⁠rra jiru itti argisiisi.] Barruun kun gaaffiiwwan saalqunnamtii gaaʼela dura raawwatamu ilaalchisee kaʼaniif deebii kenna. Akkasumas qajeelfama Macaafa Qulqulluu hordofuu kan qabnu maaliif akka taʼe ni ibsa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi