LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/12 ful. 1
  • Tajaajilarratti Yeroo Hirmaattan Of Eeggannoo Godhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tajaajilarratti Yeroo Hirmaattan Of Eeggannoo Godhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tajaajila Keessan Guutummaatti Raawwachaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Malawwan Misiraachichi Ittiin Lallabamu
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Tajaajilarratti Seera Isa Beekamaa Taʼe Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Qabdaa?
    Tajaajila Mootummaa—2006
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2012
km 5/12 ful. 1

Tajaajilarratti Yeroo Hirmaattan Of Eeggannoo Godhaa

1. Tajaajilarratti of eeggannoo gochuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

1 Tajaajiltoonni Waaqayyoo, “akka hoolota yeeyyii gidduu dhaqanii,” “dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate gidduutti” lallabaa jiru. (Mat. 10:16; Filp. 2:15) Gabaasawwan waaʼee goolii uumuu, jeequmsa hawaasaafi namoota ukkaamsanii fudhachuudhaan gocha gara jabinaa irratti raawwachuu ilaalchisee dubbataman baayʼachaa dhufuunsaanii, namoonni hamoon “isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti” adeemaa akka jiran argisiisu. (2 Xim. 3:13) Haataʼu malee, seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo warra kam hojiirra oolchuutu tajaajilarratti ‘of eeggannoo’ gochuuf nu gargaara?—Mat. 10:16, NW.

2. Haalawwan naannoo tajaajilaa tokko dhiisnee bakka garabiraa deemnee akka tajaajillu nu godhan maalfaʼi?

2 Hubannaa Qabaadhaa: Fakkeenyi 22:3 wanta hamaa ‘jalaa dhokachuun’ keenya ogummaa akka taʼe ibsa. Kanaaf dammaqoo taʼaa! Haalli gaarii ture akkuma tasaa jijjiiramuu dandaʼa. Sochiin poolisotaa dabaluusaa ykn namoonni karaarratti walitti sassaabamuusaanii argitu taʼa. Al tokko tokkommoo, namoonni haasofsiisnu gaarummaadhaan kakaʼanii akeekkachiisa nuu kennu taʼa. Yeroo kanatti maalidha jennee ilaaluuf yaaluu mannaa, yeruma sana naannoo sanaa dhiisnee deemuudhaan bakka garabiraatti tajaajiluun keenya ogummaadha.—Fak. 17:14; Yoh. 8:59; 1 Tas. 4:11.

3. Seera buʼuuraa Lallaba 4:9⁠rra jiru tajaajila keenyarratti hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Gareedhaan Tajaajilaa: Lallabni 4:9, “Lama taʼuun kophaa taʼuu irra in wayya” jedha. Tarii qofaakee tajaajiluu amaleeffattee taʼuu dandaʼa; haataʼu malee ammas qofaa tajaajiluunkee gaarii taʼuu dandaʼaa? Naannoowwan tokko tokkotti akkas gochuun ni dandaʼama taʼa. Naannoowwan garabiraatti garuu obboleettiin ykn obboleessi dargaggeessa taʼe, keessumaa erga aduun lixxee booda qofaa lallabuunsaanii gaarii miti. Namni dammaqaa taʼee nu wajjin tajaajilu barbaachisaa taʼuusaa muuxannoowwan argaman ni mirkaneessu. (Lal. 4:10, 12) Miseensota garee keessan keessa jiran kaan dammaqinaan eegaa. Naannoo tajaajilaa tokko dhiistanii deemuuf yeroo yaaddan, yeroo hunda miseensonni garee keessanii kaan deemuu keessan akka beekan godha.

4. Obboloota gumii keessa jiran hunda eeguuf maal gochuu dandeenya?

4 Jaarsoliin ‘waaʼee lubbuu keenyaaf dammaqanii waan yaadaniif,’ haala naannoo sanaa wajjin walsimuun qajeelfama barbaachisaa taʼe kennuuf itti gaafatamummaa qabu. (Ibr. 13:17) Gad of deebisuudhaan jaarsolii wajjin wal taʼiinsaan kan hojjennu yoo taʼe, Yihowaan akka nu eebbisu beekamaadha. (Mik. 6:8; 1 Qor. 10:12) Hundi keenya naannoo tajaajilaa keenyatti karaa buʼa qabeessa taʼeen dhugaa baʼuudhaan gaʼee keenya haa raawwannu; taʼus yeroo hunda of eeggannoo haa goonu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi