Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Sirni cuuphaa dhaabbilee amantii Kiristiyaanaa hedduu keessaatti beekamaa kan taʼedha. Atoo cuuphaan barbaachisaa akka taʼe sitti dhagaʼamaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun dhimma kana ilaalchisee yaadawwan xiyyeeffannaa namaa hawwatan tokko tokko ibsa.” Achiis Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii 2012 erga kenniteefii booda, matadureewwan xixiqqaa fuula 16rra jiran keessaa mataduree isa jalqabaa irratti mariʼadhaa; caqasoota kennaman keessaa yoo xinnaate tokko dubbisaa. Barruulee sana akka fudhatu erga isa afeerte booda, gaaffii ittaanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii
“Namoonni Yesusiin ilaalchisee yaada garaagaraa qabu. Warri tokko tokko Yesus Masiihii isa abdachiifamedha jedhanii yaadu. Kaanimmoo nama gaarii akka taʼe qofa godhanii yaadu. Namoonni, namni Yesus jedhamu lafa kanarra jiraatee hin beeku jedhanii yaadanis jiru. Atoo waaʼee dhimma kana maal yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti waaʼee Yesus dhugaasaa beekuun barbaachisaadha. [Yohannis 17:3 dubbisi.] Barruun kun, gaaffiiwwan baramaa namoonni Yesusiin ilaalchisee gaafataniif deebii kenna.”
Dammaqaa! Adoolessa
“Yeroo ammaatti, namoonni hedduun keessumaa yeroo aduun dhihu qofaa deemuu ni sodaatu. Addunyaa kanarraa hammeenyi akka salphatu gochuuf waa tokko gochuun kan dandaʼamu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun namoota kaanii wajjin nagaa uumuuf wanta hundi keenya gochuu dandeenyu tokko tokko ibsa. Akkasumas raajiin nama gammachiisu akkamitti akka raawwatamu ibsa.” Faarfannaa 72:7 dubbisi.